Home Barnoota “Waldhabdee Siyaasaa furuuf Mariin Biyaalessaa Murteessaadha.”Barsiisaa Darajjee Xilaahun.

“Waldhabdee Siyaasaa furuuf Mariin Biyaalessaa Murteessaadha.”Barsiisaa Darajjee Xilaahun.

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 18,2018

Fedhii aangoofi seenessi dogongoraa kanaan dura ture waldhabdee siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti uumamaa jiruuf sababa kan jedhan Yuunivarsiitii Dambi Doollootti Barsiisaan Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa Darajjee Xilaahun, rakkoo kana furuuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu himan.

Mariin biyaalessaa karaa hunda hirmaachiseen hojiirra ooluu jalqabe furmaata waaraa fiduu danda’aas akeekan.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa qaamolee hunda karaa iftoomina qabuun hirmaachisuun, ajandaa walitti qabuuf sochiin gochaa tures jajjabeessaadha jedhan.

Ajandaa walitti qabame xiinxaluun gara Imaammataatti jijjiiramee hojiirra akka ooluufis hirmaannaan qooda fudhattootaafi dhimmamtootaa cimuu qaba jedhan.

Mootummaanis hojiirra oolmaa isaatiif kutannoon hojjechuun nageenyi waaraan akka jiraatuuf cimsee hojjechuu qabaa akeekan.

Iddoosaa Yoonaasiin

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version