Home Oduu Itoophiyaa Erga bunni xiyyeeffannaan akka oomishamuuf hojiin eegalee bunni alatti ergamuu  24%...

Erga bunni xiyyeeffannaan akka oomishamuuf hojiin eegalee bunni alatti ergamuu  24% guddate.

0

Bunni oomishaalee addunyaarratti gabaa guddaa qaban keessaa isa tokko.

Oomishaalee dhugaatiif filataman keessaas hangafoota keessatti eerama.

Gabaa addunyaarratti gabaa guddaa qaban keessatti ramadama.

Gabaan Bunaa bara faranjootaa 2025tti Doolaara biiliyoona dhibba 5 fi biiliyoona 52 ol gaheera.

 Bara faranjootaa 2030tti immoo Doolaara biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 28 ol ni gahaaf tilmaamameera.

Gabaa Bunaa addunyaa keessaa gaheen  Afriikaa harka  1 gadi. Garuu Buna akka addunyaatti oomishamu keessaa Afriikaan harka 12 qooddatti.

Bunni Itoophiyaa gabaa bunaa idil addunyaa keessaa harka  5 qooddata.

Akka addunyaatti qonnaan bultoota miiliyoona 25niif dagalee jiruu ta’a.

 Biyyoonni baay’inaan buna oomishan biyyoota guddinarra jiraniidha.

Bunni addunyaarratti bakka hundatti hin biqilu. Naannawa haala qilleensaa mijataa Bean Belt jedhamutti misooma.

Haalli qilleensaa naannawa bunni itti misoomuu hoo’aa jiidhaa, Kan rooba qabuudha.

Addunyaarratti biyyoota 70 oltu Buna oomishu.

Isaan keessaa sadarkaa oolaanaan oomishuun biyyoota shantu olaantummaa qaba.

 Biraazil, Veetnam, Kolombiyaa, Indooneezhiyaa fi Itoophiyaadha. Biyyoonni shanan kunneen Buna addunyaarratti oomishamu harka 75 qooddatu.

Buna gabaaf dhiyeessuun immoo biyyoota gurguddoo shantu olaantummaa qaba. Biraaziil, Veetnaam,   Kolombiyaa, Indoneezhiyaa fa’atu dursa.

Bunni Arabikaa maddi isaa Itoophiyaadha. Akka ragaan Waldaa Buna Speeshaaliitii mul’isutti, Gosa bunaa, buna addunyaarratti oomishamu keessaa Bunni Arabikaa harka 70 qooddata. Kan hafe gosa bunaa Robusta jedhamutu dhuunfata.

Biraaziil gosa Bunaa Arabica oomishuun gabaaf dhiyeessuun beekkamti.

Buna akka Addunyaatti alatti ergamu harka 68 biyyoota akka US Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa, United Kingdom fi Kanaadaa fa’atu bitata.

Bunni Oomishaalee gurguddoo Itoophiyaa keessatti oomishaman keessaa isa tokko. Oomishamuu qofa osoo hin taane faayidaarra ooluun gabaa biyya keessaa fi alaatti gurguramee sharafa guddaa biyyaaf argamsiisa. Oomishaalee qonnaa keessaa sharafa alaa argamsiisuun kan Bunaan dorgomu hin jiru.

Warqii magariisa jedhamuus danda’a.

Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuun bunaa biiliyoonaan lakkawamu waggaa waggaan dhaabbataa jira. Kunis hegeree buna Itoophiyaa abdii qabeessa godha.

Hammi bunaa Itiyoophiyaa keessatti oomishamaa jiru dabalaa jira.

Hamma bunaa waggoota 5 darban keesatti alatti ergameefi galii argame;

Bara 2012tti buna toonii kuma dhibba 2 fi kuma 70 fi 835 alatti ergamee Doolaara miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 54 oltu argame.

Bara 2013tti toonii kuma dhibba 2 fi kuma 48 fi 311 alatti ergame doolaarri miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoonni 7 ol argame.

Bara 2014tti buna toonii kuma dhibba 3 tu alatti ergame. Galii doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 4tti argame.

Bara 2015tti buna toonii kuma dhibba 2 fi kuma 40 fi 369tu alatti ergame. Galii doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 3tu argame.

Kan bara 2014tti argamerraa gad bu’e hammi bunaa alatti ergamee fi galiin argames.

Bara 2016tti immoo buna toonii kuma dhibba 3tu alatti ergame, galii Doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 30tu argame.

Sharafa alaa Itoophiyaan argattu harki 40 bunarraa argama.

Erga bunni xiyyeeffannaan akka oomishamuuf hojimaata haaraan to’atamuu eegalee as hammi buna qulqulluu alatti ergamuu  24% guddate.

Bara 2017 kana immoo bunarraa galii Doolaara biiliyoona 2 argachuuf karoorfame.

Karoorri qabames milkaa’uu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii federaalaa beeksiseera.

Sa’udi Arabiyaa, Jarman fi USA’n biyyoota buna Itoophiyaa baay’inaan bitaniifi galiin buna alatti ergame  50% ol biyyoota kanneenirraa argame.

Galiin Al-ergii bunaarraa barana hamma yoonaatti argame hamma alatti ergameen 70% caalmaa qaba.

Galiinis taanaan dhibbeentaa 87’n caalmaa qaba kan bara darbeerraa.

Akka ragaan Muummee qonnaa Ameerikaa mul’isutti Itoophiyaan buna oomishuun Afiikaarraa ni dursiti Addunyaarraa immoo sadarkaa 5ffaa irratti argamti. Gabaa bunaa idil addunyaa keessaa 5% qoodaatti.

Akka Naannoo Oromiyaatti misoomni Bunaa Qorannoon deeggarama. Sanyiiwwan bunaa 40 ta’an qorannoon mirkanaa’uun qonnaan bultoota harka gahan jiru.

Akka biyyaattimmoo sanyiiwwan bunaa fooyya’oofi haala mijataa jiruun waggaatti Doolaara Biiliyoona 6 buna qofarraa argachuun akka danda’amus qorattoonni ni dubbatu. Gammachuu Fayyoon

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version