‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 23,2018
Hiruut Abaatee A+47 fiduun Muummee ‘Electrical and Power Engeenering’n Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoloojii Adaamaarraan Meedaaliyaa Warqeefi Waancaa badhaafamte.
Namoonnis ishoo, eessumaa baate qaxaleen akkanaa jechuun leellifamte.
Icciitiin milkaa’inashees maatiinshee kichuutti qabaa natolchuun bu’uura kaa’uufii ibsuun, ofiishees waan karoorsite fiixaan osoo hin baasiin hirribni ijasheerrra akka hin buune Sagantaa Giiftii Voodikaastirratti affeeramuun ibsite. Kanaafin A+ 47fi A 13 tarreessuun qabxii 4 fiddee Waancaa badhaafamuu himte.
Utuu qabxii Ruut ajaa’ibsiifataa jirruu Bariisaa Shulee Yuunivarsiitii Dambi Doolloorraa A+48 akkuma bokkaa yandoo roobsuun kataf jedhee as bahuun namoota dhagahan afaan qabachiise.
Innis Muummee ‘Electrical and Computer Enginering’n A+ 48, A 12, A-3 fi akka dhiibbiimmoo B+n 1 itti makamuun isa qortus qabxii olaanaa galmeessuun badhaafamaa Waancaafi Warqee ta’e.
Innis icciitiin milkaa’inasaa yeroosaatti fayyadamuun cichee qayyabachuun ta’u dubbate.
Qaxaleewwan lachuu waliigalaan A+95 tarreessan kunneen barnoota digirii 2ffaa barachuuf akeeka qabaachuu waan ibsaniif osoo marsaa ittaanuun Muummee tokko isaan gahee dorgommiin isaan eeggatu maalta’a laata?
Waaqgaarii Qana’aatiin
