‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 23,2018
TPLF hundeeffama mootummaa danquun nagaafi tasgabbii biyyaa booressuuf hojjechaa jira jedhan, Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa, Jeneraal Baacaa Dabalee.
Hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhabsiisuun dogoggora seenaa kan hojjate gareen kun, har’as gaaffii kana danquuf ajandaa uumaa akka jiru himan.
Diinota Itiyoophiyaa waliin ta’uun humnoota mufatoo akkasaa of duukaa hiriirsee, Gaanfa Afriikaa nageenyaafi tasgabbii dhorkuuf hojjechaa akka jirus himan.
Seenaa irraa barachuu dadhabee, uummata Tigiraay gadadoo hamaaf saaxilee qe’ee isaaniirraa buqqisee, har’as namoonni buqqa’an qe’eesaanitti akka hin deebine siyaasa ittiin hojjataa akka jiru hubachiisaniiru.
Akaaluu Baqqalaatu gabaase.
