‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018
Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota Afrikaa cimsuufi rakkoolee waloo Afrikaa furmaata Afrikaan hiikuuf kutannoo cimaa qabdi jedhan, Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo.
Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo, bu’aa fi barbaachisummaa walga’ii Idilee 49ffaa Koree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa ilaalchisee OBN’f ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii keessatti, ergaa ijoo Itiyoophiyaa fi xiyyeeffannoo yaa’ichaa kan akka Kaayyoo Afrikaa 2063 galmaan ga’uuf fayyadama qabeenya bishaanii Ardii Afriikaa cimsuu akkasumas eegumsa naannoo (environmental protection) fi fayyummaa (sanitation) cimsuuf hoggansi Afrikaa cimuu fi jabeessu cichooma jabaa qabaachuu qaba jedhan.
Dabalaniis, yaa’iin kun tumsa naannolee daraan fooyyessuu fi cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Falaasama Ida’amuun tokkummaa biyyoota Afrikaa cimsuu fi rakkoolee waloo Afrikaa beekumsa Afriikaan furuuf kutannoo cimaan gahee ishee bahachaa akka jirtu dubbatan.
Galmoota gurguddoo Ajandaa Afriikaa 2063 milkeessuu keessattis Itiyoophiyaan shoora fakkeenyummaa qabdu taphachaa akka jirtu himan.
Olumaa Abbaayinaatiin
