‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 08,2018
Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), Sirna baniinsaa Marii Biyyaalessaa irratti haasaa godhaniin biyyi keenya waan seenaa keessatti irra deebi’uun ulfaatu hojechaa jirti jedhan.
Waggoota heedduuf Mari’achuu waan dadhabneef rakkoowwan walxaxoo baay’eef saaxilamaa turre.
Har’a garuu daangaa sana cabsuun yaadaafi miira gara garaa qabaannee waliin mari’annee rakkoo keenya furuuf carraa gaariin argameera jedhan.
Carraa har’a argame kanas sirnaafi hubannaa guddaan fayydamnee nagaa biyya keenyaa, tokkummaa biyya keenyaa cimsuuf itti haa fayyadamnu jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD).
Hirmaattotni marii biyyaalessaa kana irratti hirmaachaa jiran qalbii guutuufi qajeelummaan marii bilchaataa biyya kana ijaaru gochuu qabu jechuun dhaaman.
Carraa waggoota dheeraa booda dhufe kana galma yaadameefi waan Itiyoophiyaaf malu milkeessuun inkirdaada seenaa ta’uu jalaa haa oollu jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD).










