Mariifi marabbaan rakkoo furuun, Biyya ijaara!

Date:

OBN Cyber Media’ Adoolessa 8,2018

Lammiileen Itiyoophiyaa kalreessa Adwaa irratti waloon injifannoo seena qabeessa galmeessan, har’as Adoolessaa 8 injifannoo walfakkaataa galmeessuuf rakkoowwan waloon isaan mudatee furachuuf minjaala tokko irratti walgahaniiru.

Itiyoophiyaan biyya seenaa waggoota dheeraa qabdu taatus, seenaa ishee keessatti qormaata walxaxaa siyaasaafi walitti bu’iinsa hidhannoo hedduu keessummeessiteetti; Kunis dhiigaafi lafee dhalootaa balleessuu malee furmaata hin taane.

Seenessa diigumasaafi waldhabdee keessaa bahuuf ammoo nageenya ijaaruuf mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa amma eegalame lammiileef carraa seena qabeessa gita hin qabneefi abadii dhalootaa calaqqisaa qabatee dhufeera.

Marii biyyaalessaa jechuun wal falmuu qofa miti; wal dhaggeeffachuu, wal hubachuu fi furmaata waloo uumuu jechuunis hiika qaba.

Kitaabni Mootummaa Ida’amuu Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (PhD) barreeffame dhimma marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa irratti maal jedha laata?

Itiyoophiyaatti mariin biyyaalessaa mari’atamu yaadawwan garagaraa waltajjii tokko irratti dhiyaatanii marii fi marabbaan kan hawaasa walitti fiduufi kan waliigalchiisu ta’ee kan bahu waltajjii guddaadha jedha.

Adeemsi kun qaamni waa’een biyyaa isa galchu dhimmoota bu’uuraa irratti qorateefi mari’atee waliigaltee waloo kan itti uumuu akkasumas marii qaroomeen gara waliigaluutti kan gahu ta’uu kitaabichi ni ibsa.


Adoolessi 8 guyyaa har’aa  Seenaa Itiyoophiyaa keessatti guyyaa halluu haaraan itti dabamu, liqaan dhalootaa itti haqamufi  waldhabdeen barootaa dhaloota irraa gara dhalootaatti ce’aa dhufe kan itti suphamu guyyaa seena qabeessadha.


Guyyaan kun waljijjiirraa yaadaa baratamaa ta’e osoo hin taane  walqoodinsii fi diinummaa waggoota dheeraaf sababa namoota faayidaa dhuunfaa argachuuf  lammiilee gidduutti facaasan  gogee dhimmi jiruuf jireenya lammiilee itti furmaata argatudha.
 
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ara’aayaa lammiileen Itiyoophiyaa kutaalee hundarraa walgahanii mari’achuun waldhabdee hiikuurra darbee dhaloota dhufuuf biyya cimtuu ijaaruu  keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu akeekan.
 
‎Yaa’iin marii biyyaalessaa kun salphaatti kan irra hin deebi’amne, biyyoota Afrikaaf fakkeenya cimaa  akka ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) himan.
 
Waggoota hedduuf mari’achuu waan dadhabneef rakkoowwan walxaxoo baay’eef saaxilamaa turre kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) har’a garuu, daangaa sana cabsuun yaadaafi miira gara garaa qabannee waliin mari’achuun rakkoo keenya furuuf carraa gaariin argameera jedhan.

 
Itiyoophiyaan hudhaalee siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee yeroo dheeraaf ishee danqaa turan irratti bakka bu’oota hawaasaa kuma 4 ta’an walitti fiduun mari’achaa jirti.

‎Ajandaan jalqabaa ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffata. Aadaa, eenyummaa, afaanota, seenaa fi hambaa eeguun akkasumas biyya garaagarummaan ishee humna ta’e ijaaruun mari’atamaa jira.

‎Dhimmoota magaalaa  Finfinnee fi Dirre Dhawaa, akkasumas  dhimmii amantii, ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraafi mirgi namoomaa, akkasumas dhimmoota hawaas-dinagdee, qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota bal’inaan irratti  mar’iachuun furmaata ni  kaa’a.

‎Kana malees, malaammaltummaafi bulchiinsa gaarii, akkasumas ijaarsa nageenyaa irratti waliigaltee uumuufi furmaata waaraa barbaaduun ajandaawwan isaan ijoodha.

Baay’isaa Moltoon

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Kubbaa Maaraadoonaan Ingilaandirratti harkaan galche yaadattuu?

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 08,2018 La Mano de Dios’ ‘’Goolii...

Obasanjo Keeps the Flame of African Peace Diplomacy Alive

OBN Cyber July 15,2026 Former Nigerian President Olusegun Obasanjo remains...

Ouverture de la Conférence historique du dialogue national éthiopien à Finfinne

OBN Cyber ​​Media: 15 juillet 2026Aujourd'hui marque une étape...