Kubbaa Maaraadoonaan Ingilaandirratti harkaan galche yaadattuu?

Date:

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 08,2018

La Mano de Dios’ ‘’Goolii Harka Waaqaa’’, seenaa akka waan kaleessa raawwatamee, garuu waggoota 40 lakkoofsise.

ALA bara 1986’tti ture Arjentiinaafi Ingilaandi nuusa xumuraa Waancaa Addunyaan Meeksikoo Istaadiyeemii  Estaadiyoo Astaakaatti kan waliitti dhufan.

Taphichi boqonnaan dura goolii malee xumuramuun morkiin boqonnaan boodaa itti fufe.

Daqiiqaa 51ffaa irratti kubbaa taphataan warra Ingilaandi karra eegaan isaanii akka qabuuf qilleensarraan itti dhiite Diyeegoo Armaandoo Maaraadoonaan itti fiigee mataa fakkeessuun harkaan kiyyoo keessa buuse.
 
Karra eegaa dabalatee taphattoonni warra Ingilaandi lakkii kubbaan harkaan galte jedhanii iyyatan, garuu abbaan murtee lammii Tuuniziyaa Alii Ben Nasser badii Maraadoonaa waan hin argineef galchicha raggaasise.

Tapha booda gaazexeessitoonni haala goolii sana itti galche Maaraadoonaa yeroo gaafatan, deebii galmee seenaarratti katabamte kana deebise. Innis: “Xiqqoo mataa Maradonaatiin, xiqqoon immoo Harka Waaqaatiin galfame.” jedhe.

Taphicharratti Maaraadoonaan osoo hin turin daqiiqaa 56’ffaa irratti walakkaa dirree irraa eegalee taphattoota Ingilaandi ungulaalaa dhaqee goolii dinqiisiisaa galche.

Goolichi goolii ajaa’ibsiisaa jaarrichaa jedhamuun galmee seenaarratti barrooftus, gooliin harka waaqaa sun maqaasaa waliin katabamtee hafte.

Taphattoonni garee lamaanii har’a biyyasaaniif hiriiran wayita Maaraadoonaan gocha sana raawwate ijaan arguu mitii gadameessa haadhasaanii keessattuu hin uumamne.

Haa ta’uti xiiqiin waggaa 40 duraa kun har’a Atlaantaatti irra deebiin mul’ataaf eegama.

Taphattoonni garee biyyaalessaa Arjentiinaa, fooyituu gareen isaanii bara 1986’tti hidhatan uffatanii dirree seenuuf FIFA amansiifataniiru.

Kunis, injifannoo guyyichaa irraa deebi’uufi ashaaraa Maaradoonaa itti fufsiisuuf ta’uu himan; Mataanis haagalu harkaan, moo’ichaan galuu barbaanna akka jechuuti.

Taphichi taphaan oli dhimma siyaasaafi haaloo bahachuutisi.Falkland War’, gochaa maaraadoonaa waggaa 4 dura waraanni bara 1982’tti Odola Falklaandi kan ofii godhachuuf Arjentiinaafi Biritish ykn Ingilaandi walficcisiise haaloon isaa hanga dirree kubbaa miilaatti fulla’eera.

Odollii kun to’annoo warra Biritish jala jiraatus har’ayyuu waldhibdee biyyoota lamaanii ta’uun itti fufeera.

Taphataan urjiin Maaraadoonaatti fakkeeffamu Mesiin foo’ituu Maaraadoonaan uffatee seenaa dalage uffachuun seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaarratti Ingilaandiin har’a morkachuuf qophaa’eera.

Haarikeenis Beelingihaamiin utubaa godhatee moo’ichaan galuuf mudhii hidhateera.

Arjentiinaan xumuraaf geessee waancaa addunyaa 4’ffaaf Ispeen waliin morkachuuf, Ingilaandi immoo waggoota 60 booda lammeeffachuuf darbees morkii jabaa haaloon guutame addunyaa daawwachiisuuf halkan sa’aatii 4’tti Atilaantaatti walbeellamaniiru.
Nimoonaa Maamudeetiin



LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Obasanjo Keeps the Flame of African Peace Diplomacy Alive

OBN Cyber July 15,2026 Former Nigerian President Olusegun Obasanjo remains...

Mariifi marabbaan rakkoo furuun, Biyya ijaara!

OBN Cyber Media’ Adoolessa 8,2018 Lammiileen Itiyoophiyaa kalreessa Adwaa irratti...

Ouverture de la Conférence historique du dialogue national éthiopien à Finfinne

OBN Cyber ​​Media: 15 juillet 2026Aujourd'hui marque une étape...