Home Oduu Pirojektii guddicha Afriikaa birrii tiriiliyoona 1.9 oliin raawwatamaa jiruun wal baraa.

Pirojektii guddicha Afriikaa birrii tiriiliyoona 1.9 oliin raawwatamaa jiruun wal baraa.

0

OBN Cyber Media Waxabajjii 20,2018

Magaalaa guddoo biyyaarraa gara kibba Bahaatti KM 48 fagaatee ijaaramaa jira.

Magaalaan keessatti ijaaramaa jirus ajaa’iba uumamaa lafa lafa gidduu garuu haroowwan torbaan marfamtuusheeti.

Giddu gala uumaan badhaasetti Siidaa guddaan biyyarra darbee Ardii maqaa waamsisu halkaniifi guyyaa ijaarsisaa ariifataa jira.

Buufanni xiyyaaraa idil guddichi Afriikaa Bishooftuutti ijaaramaa jiru kun Doolaara Ameerikaa biiliyoona 12.5, birrii Itiyoophiyaa Tiriiliyoona 1.936 ol raawwatamaa jira.

Ijaarsisaa kunis mallattoo dandeettii fi guddina Ardii Afrikaa kan mullisudha.

Itiyoophiyaaf immoo baasiin ijaarsa isaa dachaa hidha haaromsaa guddicha Itiyoophiyaa laga Abbayyaarratti ijaarame ta’us boqonnaa milkaa’ina haaraa biyyattiif fiduuf aggaameera.

Pirojektiin guddichi Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu kun adeemsa Aviyeeshinii Addunyaa keessatti jijjiirama guddaa fida jedhamee abdatameera.

Ijaarsi buufata xiyyaaraa kun marsaan jalqabaa isaa waggoota 4’n booda xumurama jedhame.

Marsaan jalqabaa kunis wayita tajaajila eegalu, waggaatti imaltoota Miiliyoona 60 keessummeessa jedhame.

Wayita guutummaatti xumurame ammoo imaltoota Miiliyoona 100fi Miiliyoona 10 keessummeessuu danda’a.

Buufanni Xiiyyaaraa kun gama Loojistiksiinis, Itiyoolhiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisa.

Waggaatti toonii Miiyoona 3.7 ol keessummeessuu danda’a.

Pirojektiin kun dandeettii dorgommii idil addunyaa daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa daraan guddisa.

Walitti hidhamiinsa Idil addunyaa guddisuun, misooma biyyattii caalaatti mirkaneessa.

Seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’uura misoomaa Aviyeeshinii isa guddaa waan ta’eef Itiyoophiyaan dandeettii damee geejjiba qilleensaatiin qabdu caalaatti gurra guddisa.

Magaalaan buufata Xiyyaaraa kanaan walqabatee hundeeffamus, dameewwan daldalaa, indaastirii fi Turizimiitiin guddina naannawichaaf gumaacha guddaa kan qabu ta’a.

Kunis sochii dinagdee dabalataa ni uuma jedhame.

Invastimantii kallattii alaa hawwachuudhaan alattis, lammiilee biyyattii hedduuf carraa hojii kallattii fi al kallattii ni uuma.

Pirojektiin kun qabeenya dinagdee qofa osoo hin taane, mallattoo dandeettii fi guddina ardii Afrikaa ta’uuf jira.

Itiyoophiyaan pirojektoota gurguddoo yeroo qabameef keessatti qulqullinaan xumuruun eebbisuun sadarkaa idil addunyaatti ragaa kan bahameef aadaa hojii biyyaalessaa haaraa uumteetti.

Hidha haaromsaa guddicha Itiyoophiyaa xumuruu, yaadannoo injifannoo Adwaa yeroo gabaabaa keessatti ijaaruu, God-hambaa Saayinsii, misooma koriidaiifi bakkeewwan hawwata turistii ammayyaa qulqullinaan xumuramanii tajaajilaaf ooluunsaanii, Itiyoophiyaan yeroo ammaa pirojektoota dinagdee guddisanii fi misoomawwan bu’uuraa gurguddoo karoorsuu, gaggeessuu fi yeroo qabameefitti xumuruuf qabatamaan dandeettii qabdu kan agarsiisudha.

Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuus imala cichoomaa fi milkaa’inaa sadarkaa olaanaatti kan irra deebi’u ta’a.

Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaafi Maddeen biroo wabeeffanne.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version