Home Oduu “Dafqa keenyaan Gaaddisa dhalootaa dhaabuun madaala uumamaa tiksina” PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

“Dafqa keenyaan Gaaddisa dhalootaa dhaabuun madaala uumamaa tiksina” PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 21, 2018

Jireenyi ilma namaa kallattiinis ta’e alkallattiin uumaman walitti hidhata. Uumamnis ida’amuun waliif hirkoo ta’anii madaalli uumamaa sirna isaa eeggatee akka tikfamu taasisu.

Ida’ama sirnakkoo kana keessatti gargar ba’anii jiraachuun kan hin danda’amne yoo ta’u, darbee darbee garuu tokko kan biraa mancaasuun badiisa uumama biroo saffisiisuu bira darbee egeree kan dukkaneessu ni mul’ata. Itti fufiinsa uumama garagaraaf garuu wabiin abdachiisaan hojii harka namaati.

Oromoon itti gaafatamummaa olaanaa madaala uumamaa tiksuu ilma namaarra jiru kana dursee hubachuun haala uumama waliin buluun danda’amu Gadaan tumatee jiraachaa har’a ga’e. Haa ta’u malee, hanguma duudhaa ganamaa irraa fagaachaa dhufne itti gaafatamummaa keenya dagachuun gaarreen keenya manca’anii dachaawwan onuun burqituuwwanis goganii lageewwanis hir’ataa dhufan. Kunis madaala uumamaa diigee qormaata jijjiirama qilleensaafi gogiinsi hamaa fagoorraa dhaga’aa turre nu mudachuun hagam akka ulfaatus naannoo keenyatti qabatamaan arginee dabarre.

Kan fagoo ture qe’ee nu seennaan, kan dhagaa’aa turres ija keenyaan arginaan; dammaqnee duudhaa keenyaan masakamnee hojii kunuunsa qabeenya uumamaatti waloomaan bobba’uun injifannoo galmeessuu dandeenye.

Hojii waggoota torban darban hojjetamaa dhufeenis ilmi namaa dirqama uumama kunuunsuu itti kenname sirnaan yoo ba’ate, madaala uumamaa har’a tiksee gaaddisa dhalootaa ijaaruu akka danda’us gochaan dhugoomsinee argineerra. Kanaanis qabeenyi uumamaa yoo kunuunfame deebisee uumama kan kunuunsu; jireenya haaressee madaala uumamaas kan tiksu ta’uus qabatamaan mirkaneeffanneerra.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa itti gaafatamummaa olaanaa qabeenya uumamaa mancaa’aa dhufe deebisee bayyanachiisuuf tarkaanfii haaraa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee keenya Dr Abiyyi Ahmadiin bocame cichoominaan hojiitti hiikuun daandii injifannoo irratti argama. Hojii hojjechaa dhufne kanaan dachaawwan gu’an mirgisanii, gaarootni onanis bosona uffatanii gatiin dadhabbii keenyaa eebbaan nu quubseera.

Hojiin gama sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin hojjetame injifannoo guddicha qabeenya uumamaa manca’e bakkatti deebisaa jiraachuu keenya mul’iseefi uumama waliin araaramuu keenyas kan agarsiisedha.

Hojii seena qabeessa duudhaafi safuu keenyaan masakame kana hojjetee gochaan kan agarsiise uummata keenya waan ta’eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata dhiyeessa. Injifannoon kun kan keessani; seenaa gogiinsa Oromiyaa mudatee ture Waaqayyoo gaditti kan jijjiire hojii harka keessanii waan ta’eef dhaloota biratti ashaaraa ta’ee itti fufa.

Galmi keenya karaa ilaalama guutuu eegeen madaallii uumamaa tiksuun dinagdee magariisa ijaaruufi gaddisa dhalootaa dafqa keenyaan bu’uuressuudha. Galma qabanne kana hojii harka keenyaan dhugoomsaa qabeenya uumamaa itti fufiinsaan kunuunsuun humna dhiheessii bishaanii guddisaa nageenya madda bishaaniifi hidhaawwan keenyaa eegsisuu, nyaataafi sirna nyaataa mirkaneessuu irratti fuulleffannee kan hojjennu ta’a.

Waggoottan torban darbanitti uummata keenya hiriirsinee biqiltuuwwan gosa garagaraa biliyoonni 28 ol dhaabuu kan dandeenye yoo ta’u, hojii kunuunsaafi eegumsaa itti fufiinsaan taasifameenis biqiltoota waliigalaa dhabamaa dhufan keessaa % 85 latuu danda’eera.

Kanaanis uwwisni bosona Oromiyaa % 17 irra ture, gara % 29 tti ol-guddachuu danda’eera. Hojii hojjechaa dhufneen sagantaa bara 2030tti uwwisa bosona Itiyoophiyaa gara % 30 olguddisuuf qabame naannoon keenya dursee akka milkeessuuf imalli imalaa jiru milkaa’ina dachaa nu gonfachiisaa jira.

Bara kanas faana daandii injifannoo galmeessaa dhufne horata godhannee biqiloota gosa garagaraa biliyoona 5 ta’u lafa hektaara miliyoona 1 irra ni dhaabna.

Dhaabbii Ashaaraa magariisaa guyyaa boruu gaggeessinuun uummatni keenya waloofi dhuunfaan sirna dhaabbii biqiltuu akka jalqabu ifatti ni labsina.

Labsichi waamicha Ministira Muummee keenya Dr Abiyyi Ahmad sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin ‘Abdii keenya haadhaabnu’ jechuun taasisan galmaan ga’uuf xiiqiin kan hojjennu ta’a.

Guyyaa seena qabeessa kanatti uummanni naannoo keenyaa gamtaan biqiltuu dhaabuun gaaddisa dhalootaa har’a ijaaruuf ga’ee keessan akka baatan waamicha koon isiniif dhiyeessa.

Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version