โOBN Cyber Mediaโ Waxabajjii 25,2018
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad(PhD) hojiiwwan naannoolee garagaraatti hojjetaman Itiyoophiyaa gara guddina yaadnutti geessuuf dandeettii qabu jedhan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad(PhD) Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti qaama pirojektii misooma koriidarii baadiyyaa kan taโee Qe’ee Moodelaa ammayyaa Hamaasaa guyyaa harโaa eebbisaniiru.
Hojiin misooma koriidarii baadiyyaatti hojjetame qonnaan bulaan naannawichaa jireenya fooyyaโaa akka jiraatu taasiseera jedhan.
Mootummaan bara darbe hojii misooma koriidarii baadiyyaatiin naannawaa adda addaatti manneen moodela ijaaruus yaadachiisan.
Bara kana bakkeewwan hedduutti jiraattoonni ofii isaaniin ijaaraa jiraachuus eeraniiru.
Nuti deeggarsa taasisuun ala baasiin guutummaatti qonnaan bultootaan uwwifamas jedhan.
Qonnaan bulaan kuduraaleefi muduraalee, Damma, Qurxummii, lukkuu fi galteewwan aannanii oomishuun fayyadamaa taโaa jiraachuus ibsan.
Qulqullinni fi nyaanni yoo jiraate fayyaan ni jira kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), dhimmoota kanaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa taโuu hubachiisan.
Haala kanaan jireenya lammiilee jijjiiruun akka dandaโamu eeruun, xiyyeeffannoon yoo hojjenne Itiyoophiyaa gara guddina yaadnutti geessuuf dandeettii qabu jedhan.
Hojiiwwan gaariin eegalaman akka babalโataniif mootummaan deeggarsa barbaachiisu ni taasisas jedhan Abiyyi Ahmad(PhD).
Haaluma walfakkaatuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Warshaa dhagaa cileeโYoo Hooldiingiiโdaawwatan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa karaa miidiya hawaasaa isaanin dabarasaniin, Harโa Godina Gaamootti Warshaa dhagaa cileeโYoo Hooldiingiiโjiโa Hagayyaa bara 2017 hojii jalqabe daawwanneerra jedhan.
Kunis fedhii indaastiriiwwanii kan biyya keessaatiin bakka buusuun oomisha alaa galu kan hambise jedhan.
Akkasumas jiraattoota naannawichaafis carraa hojii kan uume taโuu himan. Oomisha biyya keessaa dandeettii ofiin guddisuun, bilisummaa dinagdeefi birmadummaa keenyaaf buโuura jedhan Abiyyi Ahmad (PhD).
Qabeenya uumamaa keenya fayyadamuun imalli birmadummaa dinagdee mirkaneessuu eegalle cimee itti fufas jedhan.









