‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 12,2018
Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa taa’uu jalqabe.
Yaa’icha haasaan kan banan Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Caffeen hojii seera baasuu qofaan galma waan hin geenyeef sirna to’annoofi hordoffii cimaa gaggeessuun aadaa dimokiraasii dagaagsaa jira jedhan. Sirna Mootummaa cimaa ijaaruufis gargaareera jedhan.
Iciitii milkaa’inaas sagantaa mootummaa Ida’amuufi tumsa ummataatiin kan utubameedha.Uummata bal’aa qabachuun milkaa’inoota gurguddoo galmeessuun danda’ameera.
Yaa’ii kanaanis raawwii hojii bara baajataa 2018fi kallattiin hojii bara 2019 kan itti kaa’amuufi baajanni kan itti labsamuudha.







