Home Oduu Yuunvarsiitiin Salaalee Muummee Barnoota Sirna Gadaafi Beekumsa Xabboo jedhu, Digirii jalqabaan barsiisuufi

Yuunvarsiitiin Salaalee Muummee Barnoota Sirna Gadaafi Beekumsa Xabboo jedhu, Digirii jalqabaan barsiisuufi

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 09,2017-Duudhaan, Safuufi safeeffannaan akkasumas beekumsi fi ogummaan qa’ee Oromootti argamu hundi maddi isaa sirna Gadaati.

Sirni Gadaa kaleessa dhiibbaa heddu damdamatee har’a gahee dhaloota ammaaf har’as keessummaadha.

Dhalootni kun sirna kana baree akka ittiin jiraatuuf ammoo gaheen haayyootaafi dhaabbilee barnoota olaanaa murteessadha jedhu hayyoonni Yuunvarsiitii Salaalee  OBN waliin turtii taasisan.

Hayyoonni Yuunvarsiitii Salaalee kunniin Sirni Gadaa fi qabiyyeen Sirna Gadaa kariikulamii Barnootaa keessa galee akka muummee barnootaa tokkotti sadarkaa digirii jalqabaatti akka kennamuuf waggoottan sadan darban irratti hojjechaa turuu himan.

Yuunvarsiitiin Salaalee Muummee Barnoota Sirna Gadaafi Beekumsa Xabboo jedhu, Digirii jalqabaan barsiisuuf qophiitti jiraachuu kan himan Pirezidaantiin Itti Aanaa Dhimma Akkaadamiikiifi Qo’annoo Yuunvarsiitichaa Dr Tsaggaayee Dayyuu, kunis human namaa Sirna Gadaafi beekumsa xabboon gahoome horachuuf yaadameeti jedhan.

Yuunvarsiitiin Salaalee Sirna Gadaa akka muummee barnootaa tokkootti barsiisuuf hojiin hojjechaa jiru guddoo nu gammachiiseera, nutis waan Sirni Gadaa of keessaa qabu dhaloota barsiisuuf Yuunvarsiitii Salaalee waliin ni hojjenna jedhan Abbaan Gadaafi Haati Siinqee.

Karikulamii Muummee Barnoota Sirna Gadaafi Beekumsa Xabboo qophaa’es hayyoota, abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqeen gamaaggamameera. Dajanee Laaqootu gabaase

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version