‘OBN Cyber Media’ Amajjii 9,2017- Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota Ummataa, Obbo Taaggasee Caafoo Jilli Af-yaa’ii Mana Maree Iraan Mahaammad Gaaliibaafiin durfamu waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.
Af-yaa’iin Mana maree bakka bu’oota ummataa Obbo Taaggasee Caafoo biyyoonni lameen hariiroo bara dheeraa kan qaban ta’uu ibsuun kanaaf walitti dhufeenya cimaa amma jiru akka fakkeenyaatti eeran. Kun immoo hariiroo amma jiru daran cimsuuf gargaara jedhan. Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa odeeffanne.
