Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Somaaliyaa keessatti Al-Shabaab haleele.

Date:

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Somaaliyaatti iddoowwan Al-Shabaab mandheeffate haleeluun himame.

Itiyoophiyaan nageenya Somaaliyaa eeguun gareen Al-Shabaab akka Mootummaa giddu galeessaa biyyattii hin diigneef aarsaa guddaa kaffaluu Uummata dabalatee Pirezidaantiin biyyattii Hasan Sheek Mohaammad raayyaa ittisaa Itiyoophiyaaf ragaa bahuun yaadannoo yeroo dhihooti.

Itiyoophiyaan qajeeltoo dugdaafi ollaan lafaa ka’uufi cichoomina misoomaafi nageenya waloo ollootasheef qabdu cimsitee itti fufaa jirti. Tibbanas walii galtee Ankaaraa Itiyoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti uumameen nageenya Somaaliyaa kaleessa kabachiisaa turte haaressuun iddoowwan Al-Shabaab mandheeffachuun biyyattii nagaa dhowwaa jiru humni qilleensaa Itiyoophiyaa haleeluu Ministeerri Raayyaa ittisaa Somaaliyaa mirkaneesseera.

Iddoon haleellaan kun itti raawwatamees Naannoo giddu gala Shebelee ta’uu Ministirri Raayyaa Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nuur ibsaniiru. Haleellaan misaa’elaa iddoo bal’inaafi ciminaan Al-Shabaab qabatee turetti humna qilleensaa Itiyoophiyaan raawwatame kun qindoomina mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin ta’uu ibsaniiru. Kunis hariiroon biyyisaanii gama nagaa eeguun Itiyoophiyaa waliin qabdu cimee itti fufuuf agarsiiftuu ta’uu himaniiru.

Hojiin miilanaa kunis walii galtee Ankaaraa bu’uureffachuun humna waloon Al-Shabaab haleeluu isa jedhu dhugoomsuufi jedhame. Haleellaan Xiyyaaraan Itiyoophiyaan garicharratti raawwatte kun erga ergamni haaraan Ergama tasgabbii Somaaliyaa Gamtaa Afriikaa (AUSSOM) kan jalqabaa ta’uun ibsameera.

Halleellaan tibbanaa kun miidhaa naannichatti sooma ramadaanaa sababeeffachuun garichi hammeesse qolachuuf ta’uun gabaafameera. Naannoon Giddu galeessa Shebelee kun iddoo garichi haalaan madheeffate yoo ta’u, humnoota Somaaliyaafi Gamtaa Afriikaan haleelamaa turaniiru.

Tibbana USA’n Al-Shabaab Somaaliyaa keessatti miidhaa geessisuuf socho’aa jiraachuu akeekachiisee ture. Itiyoophiyaanis walii galtee Ankaaraa hordofee hariiroo Somaaliyaa waliin gama nageenyaan qabdu cimsuun ergama naga eegdootaa miilanaa keessattis akka hammatamtu ta’eera. Itiyoophiyaan Muuxannoo biyyattii keessatti Al-Shabaab haleeluu qabduun hojicha milkeessuuf abdatameera.

Biyyoonni daangaa dheeraa waliin qooddatan kunneen hariiroo gama nagaafi misoomaan waliin qaban cimsuufis hoggantoonni olaanoon bulchiinsaafi Raayyaa Ittisaa gara biyyoota lamaanitti imaluun walii galteewwan gara garaa raawwataniiru. Maddi ‘GAROWE ONLINE’

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...