Kaffaltiin humna ibsaa ji’aa keessan akkamitti akka tilmaamamuufi dhimmoota maal maaliif akka kaffaltan beektuu laata? Maamilli mana jireenyaa tokko gatii humna ibsaa ji’aa wayita kaffalu, kaffaltii tajaajilaa, qaraxa to’annaa abbaan taayitaa kaffalu, taaksii dabalataa, kaffaltii tajaajilaa addaa addaa kaffalamuufi gatii tajaajilaa taaksii dabalataa kan hammatedha. Hojimaanni isaas humna ibsaa maammiltoonni ji’a keessatti fayyadaman taarifa wayitaawaan Kiiwaas tokkoon baayyisuufi kaffaltiiwwan armaan olitti tarreeffaman kan dabalatudha. Fakkeenyaaf Ji’a Amajjii irraa eegalee hanga Bitootessaatti maamilli humna ibsaa Q.W.S 400 hanga 500 fayyadamu tokko amaantaan taarifa wayitaawaa Q.W.S birrii 3.73 ta’a jechuudha. Haaluma kanaan maamiltoonni ji’a keessatti Q.W.S 450 fayyadamaniiru jennee yoo yaadinu;







