‘OBN Cyber Media’ Mudde 08,2017-Fiigicha gufachiisaa meetira 3000 dubartootaan kilabiin atileetiksii Korporeeshinii Konistiraakshiniifi Injinariingii Oromiyaa meedaaliyaa Warqii yoo badhaafamu, Shaggar meedaaliyaa Meetiifi Nahaasa argate.
Utaalcha olii dubartootaan kilabiin atleetiksii Gafarsa Gujee meedaaliyaa Warqii, Adaamaan Meetii badhaafamaniiru. Darbannaa Eeboo dhiiraan Adaamaa, Shaggariifi Galaan Guddaa walduraa duubaan meedaaliyaa Warqii, Meetiifi Nahaasa argataniiru. Saamu’eel Joonseetu gabaase.
