Home Ispoortii Aanaan Nadhii Gibee Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Godina Jimmaa ta’e.

Aanaan Nadhii Gibee Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Godina Jimmaa ta’e.

0

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Aanaalee Godina Jimmaa 21fi Ispoortessitoota kuma 2 ol hirmaachisuun torban 2f dorgomamaa ture qabxii waliigalaatiin Shaanpiyoonummaa Aanaa Nadhii Gibeen xumurame.

Ispoortessitoonni dorgomaa turanis miirri wal morkii Aanaale gidduu ture gaarii ta’uu ibsuun, Godina bakka bu’uun dorgommii Naannoo Oromiyaa fuula duratti dorgomamuuf onnachuu dubbatan.

Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa akka Naannoo Oromiyaatti gaggefamuufis gosota Ispoortii 11’n hirmaachuuf Ispoortesitoota ciccimoo filachuusaanii Itti gafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Godina Jimmaa Obbo Nagumaa Mokonnin himaniiru.

Sosochii Ispoortii Aadaarratti godhamu jabeessuuf caalmaatti kan utuban ta’uus Bulchaan Ittaanaan Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroo himaniiru.

Lalisaa Geetaachoon

#sport #contest #culture

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version