Piriimiyeer Liigiin Itiyoophiyaa moggaasa maqaa CBE’n Magaala lama Finfinneefi Hawaasaatti yoo taphatamu OBN tamsaasa kallattiin bilisaan hordoftoota biraan ga’eera.
Cuunfaa torbee 1ffaa
◆ Istaadiyeemiin Finfinnee waggaa 5’n booda CBE Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa keessummeesse.
◆ Taphoota 10’n keessaa 7 wal injifachuun, 3 immoo qixaan xumuraman.
◆ Gooliin 19 galeera.
◆ Taphattoonni 4 Kaardii diimaan dirreedhaa bahaniiru.
◆ Tapha jalqabaa bara kanaan Itiyoo Elektirik goolii 1 fi 0’n kilaba bara kana liigichatti guddate Shaggar injifachuun eegale.
◆ Gooliin Abinnat Tasfaayee galche goolii jalqabaa bara kanaa ta’uu bira darbee, Itiyoo Elektirikiif qabxii sadii argamsiise.
◆ Guyyuma jalqabaa Nageellee Arsiin Arbaaminci waliin goolii tokko qixa xumure.
◆ Habiib Kamaal goolii jalqabaa kilaba bara kana guddate Nageellee Arsiif yoo galchu, Taammiraat Iyyaasuu Arbaaminciif goolii qixxeessituu galche.
◆ Taphattoonni lachuu kilabasaanii duraaniirratti goolii galchuunsaaniimmoo taphicha adda gohttps://www.facebook.com/share/17RFscQrgC/dheera.
◆ Magaalaa Hawaasaatti kilaboonni abbaa dirree milkaa’aniiru. Bunni Sidaamaa duubaa ka’uun goolii 4 fi 1’n Yuunivarsiitii Walwaaloo Addiigiraat injifate.
◆ Hawaasaanis goolii 2 fi 0’n Dirree Dhawaa injifachuun morkataa cimaa ta’uusaa mul’ise.
◆ Taphataa buleessi Getaanee Kabbadaafi Charinnat Awwush Hawaasaaf goolii galchaniiru.
◆ Dilbata Darbiin Finfinnee deeggartoota kuma 17 ol fuulduratti dorgomames hawwataa ture.
◆ Ijiptii kan deebi’eefi deeggartootaan eegamaa kan ture Abeel Yaalewu goolii takkittii galcheen Qiddus Giyoorgis goolii 1 fi 0’n Buna Itoyoophiyaa injifate.
◆ Giyoorgis P/Liigiin waggaa 3’n booda Buna Itiyoophiyaa injifate.
◆ Hawaasaatti Faasil Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa waliin goolii tokko qixa ba’an.
◆ Barakat Gizaawu kilaba isaa duraanii irratti erga goolii galcheen booda, Zalaalam Abbabaa Baankii Daldalaa qixa taasise.
◆ Machaal immoo goolii 1 fi 0’n Walaayittaa Diichaa injifate.
◆ Lammiin Yuugaandaa Imooroo Manaaf goolii qabxii sadii Machaaliif argamsiise galche.
◆ Guyyaa xumuraa Shaampiyooniin bara darbee Itiyoo Madin Adaamaa waliin taphachuun goolii malee qixa xumuran.
◆ Adaamaan garee leenjistootaa dabalatee taphattoota haaraa 18 kilabichatti makatus leenca ilkaan hin qabne ta’e.
◆ Baahirdaar goolii 3 fi 1’n Hadiyyaa Hosaanaa yoo injifatu, Kinduu Baayyellinyi, Amaanu’eel G/Mikaa’eelifi Seetii Oseen gooliin galchan B/Daar gargaareera. Hosaanaafiimmoo Caalaa Tashittaatu goolii takkittii galche.
◆ Hawaasaatti guyyaa xumuraa darbii kilaboota Tigraayiin Midra Gannat Shireen goolii Daani’eel Daargeen galcheen Maqalee 70 Indertaa injifate.
◆ Torbee 2ffaan Kamisa Istaadiyeemii Finfinneefi Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti fufa.
Saamu’eel Joonseen
