
OBN Cyber Media Amajjii 15,2017-Dhala namaaf qabeenya uumamaa kunuunsuun itti fayyadamuun dhimma filannoo osoo hin taane dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.
Yeroo ammaa jijjiiramni qilleensaa yaaddoo addunyaa ta’uun furmaata isaaf walitti fufiinsaan ajandaa ta’uun kan irratti mari’atamaa jiruuf kallattiidhaan jiraachuufi jiraachuu dhabuu lubbuu qabeeyyii hundaa faana waan wal qabatuufi. Mootummaan Naannoo Oromiyaas waggoottan jahaan darbanii asitti kunuunsa qabeenya uumamaaf xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa jira.
Hojiiwwan waggoottan jahaan darbanitti hojjetameenis bu’aawwan gurguddoo argamaniiru. Gaaronni mancaatiin hubamanii turan misoomuun dacheewwan goganii turanis mirgisuun bishaan kennuu eegalaniiru. Dhiqamni biyyoos hir’atee oomishaafi oomishtummaan keenya dabaluu eegaleera. Uwwisni bosona Oromiyaa bara 2011 % 17 ture hanga bara 2016tti % 26.7 irraan ga’uun danda’amee jira.
Bara kanas guutuu Oromiyaatti hojii kunuunsa qabeenyaa guyyoota 60f turu labsamee hojiitti galameera. Hojiin misooma suluulaa bara kanaa dhaadannoo “Qabeenya uumamaa eeguu, Kunuunsuufi itti fayyadamuun dirqama dhaloota har’aati!” jedhuun hojii misooma, kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa caalmaatti itti fufiisuuf hawaasa 9,828,130 hirmaachisuun hojii fiizikaalaan sululoota 6,465 keessatti lafa hektaara 3,232,500 misoomsuuf karoorfamee Godinaaleefi Magaaloota hundatti hojiitti galameera.Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa