Buchiinsi Pirezidaantii Ameerikaa 47ffaa Doonaaldi Tiraampiin hoogganamu, baqattoonni kamuu gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkii kaa’e.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa baqattoonni kamuu gara Ameerikaa akka hin imalle yeroof dhorkuusaa ibseera.
Adeemsi dhimma baqattootaa ilaaluus akka dhaabbatu ajaji darbuutu dhagahame.
Tarakaanfii bulchiinsi Pirezidaanti Tiraampi fudhate kun kanneen Viizaa Immigireeshinii addaa qabaniifi humnoota waraanaa Ameerikaa gargaaran kan hin ilaallanne ta’uunis ibsameera. BBC wabeeffanne.
