‘OBN Cyber Media’ Amajjii 15,2017-Ministirri Daldalaafi walitti hidhamiinsa naannawaa Dr. Kaasuun Gofee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniin sirna gabaa onlaayinii jalqabsiifne sirna gabaa oomishaa Itoophiyaa bu’uuraan kan jijjiirudha.
Sirni gabaa haaraan kun dameen daldalaa dinagdee biyya keenyaa keessatti qooda malu akka fudhatu taasisa. Sirni Gabaa onlaayinii haqummaa kan mirkaneessu yoo ta’u, daldala al-ergii keenya daneessuuf gahumsa guddaa nuu uuma.
Cancala gabaa gabaabsuun sirna namoota gidduu galeessa irraa bilisa ta’ee fi oomishtootaa fi daldaltoota kallattiin bakka jiran irraa walqunnamsiisudha. Hawaasa daldalaa fi ummata keenya guutuu waliin ta’uun sirna gabaa keenya ammayyeessuun qonnaan bultoonni sirna faayinaansii hunda hammate irraa akka fayyadaman ni gargaara. Waltajjiidhuma kanarratti asxaa haaraa Gabaa Oomisha Itoophiyaa kan yaad-rimee gabaa dijitaalaa qabu ifoomsineerra.
Sagantaa biraatiin ijaarsa gamoo Gabaa oomishaalee Itoophiyaa, abbaa darbii 24 magaalaa guddoo keenya Finfinneetti ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa keenyeerra. Ijaarsi gamoo kanaa qaama paakeejii jijjiirama waliigalaa yoo ta’u, yeroo xumuramu gabaa gahumsaa fi hunda hammateef haala hojii mijataa kan uumudha. Sirna gabaa dijitaalaa keenyaafis qabeenya guddaadha jedhan.
