Home Oduu Qaala’insi gatii harka 15’tti gadi bu’eera Dr. Abiyyi Ahimad

Qaala’insi gatii harka 15’tti gadi bu’eera Dr. Abiyyi Ahimad

0

‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 11, 2017- Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad, gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebii kennaniin, qaala’insi gatii bara darbe yoona kana harka 29 ture barana harka 15’tti gadi bu’eera.

Hojiin dhangala’insa maallaqaa to’achuu, magaalota keessatti gabaa Sanbataatiin oomishtoonni oomisha isaanii kallattiin akka dhiyeessan gochuu, bara kana hojjetoota mootummaa galii gadi aanaa argataniif daballii miindaa taasifameen qaala’insi gatii gadi bu’eera jedhan.Tamasgeen Hundarraan

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version