‘OBN Cyber Media’Bitootessa 11,2017- Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad, gaaffilee kenna tajaajilaan walqabatee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebii kennaniin, mootummaan kenna tajaajilaa fooyyessuuf riifoormii taasiseen jijjiiramoonni dhufaa jiraachuu himan.
Hundeeffamni caasaa gandaa hawaasni tajaajila dhiyeenyatti akka argatuuf gargaaruus himan.
Caasaan gandaa ragaa guutuu jiraattota gandichaa gama hawaas-diinagdeetiin jiru iftoominaan qabachuufi bulchuuf guddoo gargaara jedhan.
Jalqabbii kana jajjabeessuun caalaatti irraa fayyadamuun murteessaa ta’uus Dr Abiyyi eeraniiru.
