Home Oduu Oromiyaatti uwwisni bosona Oromiyaa harka 29’tti olitti guddachuun ibsame

Oromiyaatti uwwisni bosona Oromiyaa harka 29’tti olitti guddachuun ibsame

0

‘Hojii kunuunsa qabeenya Uumamaa baroota darban hojjetameen  uwwisni bosona Oromiyaa harka 29’tti ol guddateera’-Biiroo Qonnaa

‘Hojii kunuunsa qabeenya Uumamaa baroota darban hojjetameen  uwwisni bosona Oromiyaa harka 29’tti ol guddateera’-Biiroo Qonnaa Oromiyaa

‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 12,2017-Godinaalee Oromiyaa kanaan  dura hongeefi dhiqama biyyeen dararamaa turuun erga hojiin misooma sululaa jalqabe dandamachaa jiran keessaa Godinni Harargee Lixaa isa tokko. Godinichatti hojii misooma sululaa waggoota darban hojjetamaa tureen maddeen bishaanii xixxiqoon gabbachuufi dhiqamni biyyees hir’atee hammi bosona dabaluutu himame.

Gaarreen Aanaa Habroo baroota dabran hidhaman bishaan kuufachuun Haroo Carcar kan badee tureef gumaachanii harichi bakkatti deebi’aa jira.

Hogganaa itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa,Obbo Eliyaas Kadiir, akka jedhanitti, hojii kunuunsa qabeenya Uumamaa baroota darban hojjetameen uwwisni bosona Oromiyaa harka 29’tti ol guddateera.

Milkaa’inoota jajjaboo gama kanaan argaman itti fufsiisuufi hawaasni amma carraaqqii isaa hojii kanarraa  akka fayyadamuuf biiroon isaanii cimee hojjechaa jiraachuus himan Taajuddiin Abdiitu gabaase

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version