Home Oduu Itoophiyaa ‘Oromiyaatti Adoolessa 24 guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500fi miiliyoona 25’tu dhaabata’ BQO.

‘Oromiyaatti Adoolessa 24 guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500fi miiliyoona 25’tu dhaabata’ BQO.

0

Naannoo  Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 7ffaatiin biqiltuu Biiliyoona 5 dhaabamuuf   hojjetamaa jira

Kana keessaas hanga oduun kun qindaa’utti  bqiltuun  biiliyoonni 3 fi miiliyoona 500 dhaabachuu  Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu himan.

‎Karoora guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 akka biyyaattidhaabuuf  qabame keessaas  Oromiyaatti    Biqiltuu Miiliyoona 500fi miiliyoona 24 dhaabuuf karoorfameera.

Dhaabbii  biqiltuu guyyaa 1 kanaafis iddoowwan  Kuma 6 fi 596 adda bahaniiru.

 Biqiltuuwwan kunneenis   lafa heektaara Kuma 200 fi Kuma 9 irra dhaabatu.

Biqiltuun  Adoolessa 24,2017 dhaabatuus iddoo itti dhaabatuutti geejjibamaa jira.   

‎ Barana sadarkaa biyyaatti biqiloota biiliyoona 7fi miiliyoona 500 dhaabuuf hojjetamaa jira.

 Dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoonis miiliyoona 700 dhaabuuf karoorfameera.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version