Qonnaan bulaa Shifarraa Sambatoo Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Buree keessa jiraatu.
Misooma Ashaaraa Magariisaa eegaluun dura lafti diriiraan qaban waa hunda biqilchuu danda’u waggaatti al tokko qofa boqqolloo irraa oomishaa turan.
Hojiin sagantaa Ashaaraa magariisaa waggaa jahaan dura eegalame garuu waan haaraan qe’ee isaanii gale.
Lafa hektaara tokkotti siqu kanaan dura boqqolloo qofa irraa oomishaa turan Avokaadoo sanyii fooyya’an bakka buusan.
Avokaadoon waggaa jahaan dura dhaabbates har’a hurruubee firii kennuun nyaata madaalamaa argachaa jiraniin cinaatti, waggaatti galii dabalataa Birrii kuma 50 hanga kuma 100 argachaa jiraachuu himan.
Godinichatti waggoota jahaan darban biqiltuu gosa adda addaa biiliyoona tokko ol dhaabame keessaa harki 85qabachuu waajjirri qonnaa Godinichaa kan beeksise.
Akkasumas godinichatti misoomni muduraa kanaan dura lafa hektaara kuma 10 hin caalle, yeroo ammaa gara hektaara kuma 32’tti ol guddachuu himan.
Hojii kanaan uwwisni bosona godinichaa harka 51 irra ture gara harka 71’tti ol guddiseera jedhame.
Bafqaaduu Mokonniniin
