Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 7ffaatiin biqiltuu Biiliyoona 5 dhaabamuuf hojjetamaa jira
Kana keessaas hanga oduun kun qindaa’utti bqiltuun biiliyoonni 3 fi miiliyoona 500 dhaabachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu himan.
Karoora guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 akka biyyaattidhaabuuf qabame keessaas Oromiyaatti Biqiltuu Miiliyoona 500fi miiliyoona 24 dhaabuuf karoorfameera.
Dhaabbii biqiltuu guyyaa 1 kanaafis iddoowwan Kuma 6 fi 596 adda bahaniiru.
Biqiltuuwwan kunneenis lafa heektaara Kuma 200 fi Kuma 9 irra dhaabatu.
Biqiltuun Adoolessa 24,2017 dhaabatuus iddoo itti dhaabatuutti geejjibamaa jira.
Barana sadarkaa biyyaatti biqiloota biiliyoona 7fi miiliyoona 500 dhaabuuf hojjetamaa jira.
Dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoonis miiliyoona 700 dhaabuuf karoorfameera.







