OBN Cyber Media Amajjii 01,2017-Barataa Milkeessaa Ifaa Godina Shawaa Bahaa aanaa lumee jiraata. Amma mana Baruumsaa Sad. 2ffaa Qarsaatti kutaa 12ffaa Barata. Xiqqeenyarraa qabee waan adda addaa kalaquufi waan ollaafi maatii rakkoo ta’an furaa akka ture hima.
Amma ammoo kalaqa yaalii/prototype/ tolche qabatamaan dhugoomsuuf carraaqqirra jira. Wanti inni hojjetes xayyaara geejjibaaf ta’uufi lafarrattis akka konkolaatatti dhimma itti bahamuu ta’uu dubbata.
Hojii isaa kanattis xiyyeeffannoo kennuudhaan Koollejjiin BLTO Mojoo keessatti shaakala isaa kana fiixaan baasuuf meeshalee walitti hidhee, hiikee, sochoosee, balaliisee qorata.
Bartaa milkeessan qormaata kutaa 12ffaaf of qopheessaa shaakalas cimsaa jira. Deeggarsi BLTO Mojootiin kalaqni yaalii kun qabatamatti jijjiiramuuf hojiin eegalameera jedha. Fiixa bahiinsa yaalii isaaf ammallee akka deeggarsi qorannoon dabaalame isa barbaachisus hima.
Instiraaktar Malkaamuu Dastaa Koolleejjii BLTO Mojootti leenjisaa makaaniksiiti. Wanti barataan kun yaade akka milkaawuuf ogummaan deeggaraa jiraachuu hima. Waan inni amma tolche kanas sadarkaa isaa ol guddisnee akka balaliif ta’utti wal hubannaan hojjechaa jirra jedha.
Obbo Makuraa Hayilee Diinii Koolleejjii BLTO Mojooti. Gurra mucaan kun hawaasa keessatti qabu dhageenyee akka inni koollejjii keenyatti xaalii isaa xumuruuf tumsaa jirra jedha.
Kalaqni kun qabatamaan akka dhugoomuuf otoo qorannoodhaan deeggaramee gaarii ta’uu himuun keessattuu ogummaa Fiziiksii kan qaban milkaayina balalii xayyaarichaaf otoo tumsanii jedha. Qaamonni adda addaa hojii kalaqaa kana tumsanis gama maraan otoo tumsanii jedhan.
Barataa Milkeessaan xayyaarri yaalii kalaqe tun amma lafarra kan sochootuu fi ‘remote’ dhaan balaliin ishees kan to’atamu yoo ta’u akka tajaajilaaf ooltuuf qaamonni dhimmi ilaalu otoo isa tumsaniis barbaada.Zinaabuu Daamxeetu gabaase
