Odeeffannoo dharaa Raashiyaan Itiyoophiyaa qamadii deeggarte jedhu.

Date:

Odeeffannoon Raashiyaan Itiyoophiyaaf deeggarsa taasiste jedhu sobaa ta’uu OBN Cyber Media Haqabaas mirkaneeffate.

Dhaabbanni Ahaduu Miidiyaa jedhamuu odeeffannoo mootummaan Raashiyaa Itiyoophiyaaf deeggarsa qamadii kenne jedhu sobaa ta’uu ‘OBN Cyber Media’ Haqabaas

Gabaasni dhaabbanni kun qabatee bahee Raashiyaan Itiyoophiyaaf qamadii Meetriik toonii kuma 1fi 632 deeggarsa taasiste jedha.

garuu dhugaan jirtu deeggarsi kennamee lammiilee sudaan kibbaa Kaampii qubattootaa [Godaantotaa]  Gambeellaa keessaa qubatanii jiraniif ta’uu OBN Cyber media mirkaneeffateera.     

Ta’uus Raashiyaan godaantota Sudaan Kibbaa Gaambeellaatti argamaniif kan oolu, biyyoota garagaraarraa kan walitti qabamee deeggarsa Sagantaan Nyaataa Addunyaaf taasisuus , ‘Itiyoophiiyaaf deeggarsi taasifame’ jedhamuun odeeffannoon dogoggoraa  tamsa’aa  jira.

Mootummaan Raashiyaa akka beeksisetti, Sagantaa Nyaataa Addunyaaf deeggarsa taasise Qamadii meetriik  Toonii kuma 1 fi 632 Itiyoophiyaa ga’eera kan jedhuudha.

Dhugaan jiru kana ta’ee utuu jiru Miidiyaa RT jedhamuu dabalatee  miidiyaaleen tokko tokkoo fi miidiyaaleen hawaasaan Raashiyaan Itiyoophiyaa dabalatee godantoota sudaan kibbaaf qamadii toonii kuma 1fi 600  kennite   jechuun odeeffannoon tamsa’aa jiru dhara ta’uu OBN Cyber media  Haqabaas mirkaneeffateera.

Deeggarsi Raashiyaan godaantoota sudaan Kibbaaf taasiste kun  wayita Adamaa qaqqabu, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Ivgeenii Tarkihiin argamuun Itiyoophiyaatti Daayrektara Sagantaa Nyaataa Addunyaa waliin walharkaa fuudhiinsa taasisaniiru.

Sagantaan nyaataa Addunyaa, godantota Sudaan Kibbaa Gaambeellaatti argaman sababa hanqina maallaqaan deeggarsa namoomaa harka 60 argachaa akka turan ibsameera.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...