Magaalaa Mojootti Barataan kutaa 12ffaa tokko Xayyaara balali’uufi akka konkolaatatti tajaajilu kalaqaa jiraachuu ibse.

Date:

OBN Cyber Media Amajjii 01,2017-Barataa Milkeessaa Ifaa Godina Shawaa Bahaa aanaa lumee jiraata. Amma mana Baruumsaa Sad. 2ffaa Qarsaatti kutaa 12ffaa Barata. Xiqqeenyarraa qabee waan adda addaa kalaquufi  waan ollaafi maatii rakkoo ta’an furaa akka ture hima.

Amma ammoo kalaqa yaalii/prototype/ tolche qabatamaan dhugoomsuuf carraaqqirra jira. Wanti inni hojjetes xayyaara geejjibaaf ta’uufi lafarrattis akka konkolaatatti dhimma itti bahamuu ta’uu dubbata.

Hojii isaa kanattis xiyyeeffannoo kennuudhaan Koollejjiin BLTO Mojoo keessatti shaakala isaa kana fiixaan baasuuf meeshalee walitti hidhee, hiikee, sochoosee, balaliisee qorata.

Bartaa milkeessan qormaata kutaa 12ffaaf of qopheessaa shaakalas cimsaa jira. Deeggarsi BLTO Mojootiin kalaqni yaalii kun qabatamatti jijjiiramuuf hojiin eegalameera jedha. Fiixa bahiinsa yaalii isaaf ammallee akka deeggarsi qorannoon dabaalame isa barbaachisus hima.

Instiraaktar Malkaamuu Dastaa Koolleejjii BLTO Mojootti leenjisaa makaaniksiiti. Wanti barataan kun yaade akka milkaawuuf ogummaan deeggaraa jiraachuu hima. Waan inni amma tolche kanas sadarkaa isaa ol guddisnee akka balaliif ta’utti wal hubannaan hojjechaa jirra jedha.

Obbo Makuraa Hayilee Diinii Koolleejjii BLTO Mojooti. Gurra mucaan kun hawaasa keessatti qabu dhageenyee akka inni koollejjii keenyatti xaalii isaa xumuruuf  tumsaa jirra jedha.

Kalaqni kun qabatamaan akka dhugoomuuf otoo qorannoodhaan deeggaramee gaarii ta’uu himuun keessattuu ogummaa Fiziiksii kan qaban milkaayina balalii xayyaarichaaf otoo tumsanii jedha. Qaamonni adda addaa hojii kalaqaa kana tumsanis gama maraan otoo tumsanii jedhan.

Barataa Milkeessaan xayyaarri yaalii kalaqe tun amma lafarra kan sochootuu fi ‘remote’ dhaan balaliin ishees kan to’atamu yoo ta’u akka tajaajilaaf ooltuuf qaamonni dhimmi ilaalu otoo isa tumsaniis barbaada.Zinaabuu Daamxeetu gabaase

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...