#Sabboonummaafi#bilisummaa barbaacha maatiifi maasii dhiisnee bosona seennee, lachuusaa garuu erga walii galtee araaraan deebinee gallee asitti arginee jedhan, hidhattoonni duraanii #Oromiyaa keessa socha’aa turuun walii galtee araaraan galan.
Akeekni uummata rakkoo keessaa baasuuf manaa baanes maseenee qe’ee uummataatti gadadoofi gadda galchines jedhan.
Hiriyyoonni isaan duraan dhiisanii gara daggalaatti biraa qajeelanis barnootaafi daldalaan xurree milkaa’inaa qabachuu kaasuun, ofiisaanii garuu gaabbiin quba ciniinnataa jiraachuu himan.
Aadaa abaabileefi akaakileen darban gaaddisatti dubbii fixataa turanitti kan isaan galches, uummanni isaan qabsaa’uufiif bosona lixan qe’eensaa onuun gara-nyaattee itti hammeessinaan ta’uu eeran.
Haalli qabiinsa isaanii yeroo ammaas waanuma walii galtee araaraarra jirutu hojiirra oolaa jira jedhan.
Miiltoowwasaanii duraanii hafanillee qe’ee Oromootti kabaja horuufi maatiisaanifis nagaa buusuuf jecha waamicha ulfinaa abbootiifi harmoolii isaan guddisaniif owwaachuu akka qabanis miira obbolummaan gaafataniiru.
