Finfinneetti namtichi sobee miseensa tika nageenyaafi odeeffannoo biyyaalessaati ofiin jechuun, sooressa tokko gowwoomsee Birrii miiliyoona 13 ol fudhate hidhaa waggaa 14’n adabame.
Magaalaa Finfinneetti namticha hojjetaa tika nageenyaa biyyaalessaati ofiin jedhu tokkotuu warshaa simmintoo ijaaruuuf akeeka qabaachuu ibsee, lafa dhimma sanaaf barbaachisu ittiin xumursiifachuuf jechaa abbaa qabeenyaa akka isa tumsu gaafachuun Birrii miiliyoona 13 caalu irraa fudhata.
Mana Murtii olaanaa Federaalaatti Dhaddachi dhimmoota malaammaltummaa Ramaddii 3ffaa Lidataa himata yakka malaammaltummaa Tujubaa Tolchaa Sanbataa jedhamurratti dhiyaate qorachuun dhaddacha Amajjii 28 bara 2017 ooleen yakkamaa ta’uusaa ragaadhaan mirkaneessuun hidhaa cimaa waggaa 14fi maallaqaanis adabeera. Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daarektara Jeneraalaa Daarektoreetii Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa himatamaan jiraataa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 12 turuu himuun, labsii yakka malaammaltummaa to’achuuf ba’e lakkoofsa 881/2007 keewwata 28(3)fi keewwata 23/ 1,2fi3 akkasumas maallaqa yokiin qabeenya yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuu akkasumas labsii shororkeessummaa mallaqaan deggeruu ittisuufi to’achuuf ba’e labsii lakkoofsa 780/2005 keewwata 29 lakkoofsa 1 A,B,fi C jalatti tumaman bu’uureffachuun himata bara 2016 ture tarreessuun dhiyeesseera.
Himata yakkaa dhiyaateenis himatamaan Hagayya bara 2015 hojjetaa tajaajila tika nageenyaafi odeeffannoo biyyaalessaa utuu hin ta’iin, ani hojjetaa tika nageenyaati jechuun sooreyyiin walbaruufi itti michoomuun hooggantoota olaanoo federaalaafi naannoleettis kan siqu ta’uu miidhamaa dhuunfaa abbaa qabeenyaa ta’e Obbo Akiil Abbaas jedhamaniif ibsuun, karoora dureessi kun warshaa Simmintoo dhaabuuf qaban irraa qorachuun hayyama dabalatee bakka itti ijaaramuufi piroppoosaala wixinee hojichaa mijeessuun qondaaltota mootummaa federaalaafi naannolee waliin dubbatee bakka hojiifi kaartaa lafaa xumuree galchuuf waadaa galuufiinsaas himata keessatti dhiyaateera.
Hojii kana xumursiisuuf kan oolus Hagayya 5 bara 2015 irraa jalqabee herrega baankii daldalaafi Awashirratti maqaasaatiin banamerratti maallaqni miiliyoona 13fi kuma dhibba 1fi kuma 80 galii ta’uuni qaama himatichaati.
Himatamaanis maqaa Dhaabbata Dhuunfaa ‘Alif Global Trading’ jedhamuun Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleetti Warshaa Simmintootiif hayyamni ijaarsaa akka kennamuuf, Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaafi Ministeera Albuudaatiif gaaffii tokkollee utuu hin dhiyeessiin, akka waan gaafatee pirojektichi fudhama argachuun laftis hayyamameefiitti fakkeessuun, Onkoloolessa 24 bara 2016 toora sa’aatii 4tti Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo naannoo saarbeet jedhamee waamamutti ragaa sobaa Chaappaa Waajjira Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Godina Shawaa Kaabaa qabu miidhamaa dhuunfaatti kennuunsaas himata keessatti dhiyaateera.
Kanamalees, maallaqa karaa seeraan alaa fudhate kana seera qabeessa fakkeessuuf yeroo garaa garaatti Birrii miiliyoona 5fi kuma dhibba 1fi kuma 54 herrega namoota dhuunfaarratti dabarsuun maadda maallaqaa dhoksuufi kan hafe akka seera qabeessaatti olkaawwachuunsaas akka yakkaatti ilaalamuun himata keessatti dhiyaateera.
Miseensonni garee hordoffii Komiishinii Poolisii Federaalaas himatamaa barbaadanii to’achuun seeratti dhiheessuunsaaniis barreeffamaan dhiyaateera.
Himatamaan garuu himata irratti dhiyaate haaluusaa hordofuun, abbaan alangaa ragaa namaafi barreeffamaa dhiheesseera. Abbootiin murtii dhaddacharratti dhimmicha ilaalaa turanis ragaa abbaa alangaa qorachuun himatamaan, himata 2ffaafi 3ffaa dhimma malaammaltummaan walqabatu ilaaluun, himatamaan wabiidhaaf Birrii kuma 3 kaffalee akka gadi-lakkifamu ajajee ture.
Boodarra abbootii seeraa Dhaddacha guyyaa sanaa hojjetan jijjiiramuun dhimmicha gaafa qoratan, himatamaan kun yakkamaa ta’uusaa mirkaneessuun adabaniiru.
Haaluma kanaan dhaddacha Amajjii 28 bara 2017 ooleen himatamaan yakka cimaa hojjete jechuun hidhaa waggaa 14fi Birrii kuma 40’n akka adabamu itti muraniiru.
Dabalataanis himatamaan mana murtiitti waan hin dhiyaatiiniif, labsiiwwan dhimma malaammaltummaa lakkoofsa 881/2007fi keewwata 6 bu’uureffachuun tokkoo tokkoo himata yakki itti muramee walitti ida’uun walumaagalatti Birrii kuma dhibba lamaafi kuma 80 akka kaffalu, akkasumas Birrii kumni dhibba 3 wabiif qabsiisee ba’ee mootummaaf galii akka ta’u itti murtaa’eera.
Komiishiniin Poolisii Federaalaas bakka yakkamaan jiru barbaaduun to’atee Mana hidhaatti dhiheessuun murtoo darbe hojiirra akka oolchuuf ajajamuusaa, ragaan Komiishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Magaalaa Finfinneerraa arganne ni mul’isa.
