Barreeffamni harkaan barreessitan hagam miidhaga, barreeffama harkaa miidhagaa yoo qabaattan akka badhaafamuu dandeessan yaaddanii beektuu?
Tibbana Neeppaalitti Shammarreen barreeffama harkaa miidhagaa qabdi jedhamte tokko beekamtii argatte.
Jaarraan amma keessa jirru jaarraa tekinooloojiiti. Yeroo itti wanni hunduu kompiiteraan raawwatamurratti argamna. Kanaafuu keessumaa biyyoota badhaadhan keessatti harkaan barreessuun baay’ee hir’ataa dhufeera. Tibbana garuu Shamarreen tokko addunyaa kanarraa barreefama harkaa baayyee miidhagaa qabdi jedhamuun leellifamaa jirti
Barreeffama harkaafibarnoota gidduu walitti hidhaminsi guddaan akka jiru hayyoonni saayikooloojii/qorqalbii ni himu.
Barataan barreeffama harkaa gaarii qabu barnoota isaan ni milkaa’a jedhamees amanama. Barsiisonnis wayita barattootni barreeffama harkaa miidhagaa ta’e barreessan ni dinqisiifatu. Kun ammoo barattootni akka hamilee godhatan isaan gargaara.
Kanaafuu maatiin guyyaatti daa’imman reefuu barreessuu eegalan daqiiqaa 15-20 shaakalchiisuu akka qaban gorsu hayyonni sirna barnootaa.
Daa’imni haala kanaan shaakalaa guddate barreeffamni harkaa isaa ni miidhaga jedhu hayyoonni kun.
Tibbana barreeffamni harkaa shamarree Biyya Neeppaal maqaan ishee ‘Prakriti Malla’ jedhamtuu qalbii nama baayyee keessa seeneera.
Baarreeffamni harkaa ishees maqaa “barreeffama harkaa addunyaa irratti isa bareedaa” jedhamuun badhaasaaf ishee ga’eera.
Barreeffamni harkaa ‘Prakriti Malla’ biyya Neeppaal jiraattu kun midhagaa ta’uu isaa dinqisiifatamuu kan jalqabe yeroo isheen waggaa 16 kutaa saddetteffaa barattudha. Guyyaa tokkoo barataan daree ishee barreeffama harkaa ishee dinqisiifachuun toora miidiyaa hawaasaa irratti maxxanse. Wayita kana namoonni heedduun barreeffama harkaa ishee kana akka malee jaallatanii raajeffachuu eegalan.
Ogeeyyiin ogummaa barreeffama harkaa addunyaarra jiranis jabana namni harkaan barreessuu dhaabe kanatti shamarree akkasitti barreeffama kuultee sarartu argachuun waan ajaayibaati jedhan.
Ogeessi Barreeffamaa ‘Many netizens’ barreeffamni harkaa shamarree kanaa harkaafi kompiiteraan baarraa’uu isaa adda baasuunuu ni ullfaata jechuun dinqisiifate. Prakriti Mallaa badhaasa barreeffama harkaa bareedaa qabaachuushee kan odeeffate Imbaasiin Neeppaal Yuunaayitid Arab Emmireetis jiru bara 2022 darbe wayita hundeeffamasaa waggaa 51ffaa kabajatee turetti shamarreen kun barreeffama harkaatiin ergaa baga geessaniifi baga gammaddanii harkaan barreessitee kennuufiishees News 18.com fi Indian Times wabeeffanne.
