Home Oduu Guyyoota kudhan dhufanitti bakkeewwan qonna Arfaasaan beekaman rooba xiqqaa amma guddaatti ni...

Guyyoota kudhan dhufanitti bakkeewwan qonna Arfaasaan beekaman rooba xiqqaa amma guddaatti ni argatu

0

‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 12,2017- Guyyoota kudhan dhufanitti sululoonni Arfaasaan misooman rooba xiqqaa amma guddaatti ni argatu jedhe, Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Haalli kun dhangala’uu bishaan lafa keessaa waan dabaluuf baay’ina bishaanii kuusaawwan garagaraa keessa galu akka dabalu ibseera. Gama biraan bakkeewwan lolaaf saaxilamoo ta’anitti lolaa battala uumuu danda’u ittisuuf dursanii qophaa’uu akka barbaachisu Inistiitiyuutichi hubachiiseera. Bo’oo lolaan keessa darbu qulqulleessuun rakkoo uumamuu danda’u ittisuuf dursee hojjetamuu akka qabu Odeeffannoon Inistiitiyuuticha irraa argame ni mul’isa.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version