Egeree biyyattii beekumsaan gaggeessuuf waggoota jahan darban Oromiyaatti misooma barnootaarratti hojii hojjetamaan milkaa’inni abdachiisaan mul’achuu
Sadarkaa Hogganaa Ittaanaatti Gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa himan.
Bu’uuruma kanaan Manneen Barnootaa Bu’uura boruu kumni 17fi 585 ijaaramuun barattoonni miiliyoonni 2 ol keessatti barataa jiru jedhan.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa 100 ijaaramuun tajaajila kennaa jiru.
Manneen barnootaa Addaa 41 ijaaramuun barattoonni kuma 6,151 keessatti barataa jiraachuu himan.
Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7’s qophaa’uun barattoonni kuma 4501 keesatti barachaa jiru.
Barattoota miiliyoona 3.3 ta’aniifis nyaatni manneen barnootaa keessatti dhihaataa akka jiru Obbo Efreem himaniiru.
Nyaanni barattootaa kunis buusaa Gonofaa, Maatii barattootaafi dhaabbilee miti Mootummaan dhihaataa jira jedhame. Baayyisaa Moltoon.







