Home Oduu Misooma Dirree qaroomina dhalootaa jijjiiramaan asitti raawwataman.

Misooma Dirree qaroomina dhalootaa jijjiiramaan asitti raawwataman.

0

Egeree biyyattii  beekumsaan gaggeessuuf waggoota jahan darban Oromiyaatti misooma barnootaarratti hojii hojjetamaan milkaa’inni abdachiisaan mul’achuu

Sadarkaa Hogganaa Ittaanaatti Gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa  himan.

Bu’uuruma kanaan Manneen Barnootaa  Bu’uura  boruu kumni 17fi 585  ijaaramuun barattoonni    miiliyoonni 2 ol keessatti  barataa jiru jedhan. 

 Manneen Barnootaa Ifa Boruu  sadarkaa 2ffaa   100 ijaaramuun tajaajila kennaa jiru.

Manneen  barnootaa Addaa 41  ijaaramuun barattoonni kuma 6,151 keessatti barataa jiraachuu himan. 

Manneen  Barnootaa Bultii Addaa  7’s  qophaa’uun    barattoonni kuma 4501  keesatti barachaa jiru.

Barattoota miiliyoona 3.3 ta’aniifis nyaatni manneen barnootaa keessatti  dhihaataa akka jiru Obbo Efreem himaniiru.

Nyaanni barattootaa kunis buusaa Gonofaa, Maatii barattootaafi dhaabbilee miti Mootummaan dhihaataa jira jedhame. Baayyisaa Moltoon.

May be an image of pool

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version