Hancooteen nyaata Aadaa Oromoo, irraa caalaan Lixa Oromiyaatti haalaan beekamudha. Nyaanni Aadaa Oromoo haala qilleensaa Baddaafi Badda Dareetti ta’u kunis hiddaafi baalasaatu nyaatama.
Hancooteen nyaata yeroo ayyaanaa, deessuu ittiin wal’aanuufi caba lafee mudate wal’aanuufillee akka gargaaru jiraattonni, Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo kan himan.
Keessattuu Goboon Hancootee utuu lafa keessaa hin bahiin waggootaaf turu baasanii caba lafee ittiin wal’aanuuf akka oolu manguddoonni argaa dhageettii godina Qellem Wallaggaa kan himan.
Yeroo ammaa kana Hancootee magaalota Oromiyaa hedduutti Hoteelotaafi manneen nyaataa keessatti nyaata aadaa baayyinaan barbaadamummaansaa dabaleefii dhihaataa jirudha.
Namoonni mana nyaataa keessatti Hancootee qopheessanii gurguranis nyaanni aadaa kun nyaata yeroo ayyaanaa, deessuufi nama lafeen cabe ittiin wal’aanuuf qophaa’uu bira darbee qopheessuun guyyaa guyyaan dhiheessaa jiraachuu dubbatu.
Hancooteen caba lafee wal’aanuufi nyaata qabiyyee olaanaa qabu ta’uu barsiisaafi qorataan Yuunivarsiitii Dambidoolloo Kaadhimamaan Doktaraa Barsiisaan Yuunivarsiitii Dambidoolloo Abeel Saaqaa kan himan. Kanaafis Hancooteen Albuudota kanneen akka Kaalsiyeem Foosfarasii kan of keessaa qabu ta’uu mirkaneessan. Iddoosaa Yoonaasiin