Home Aadaa Bohaartii Mana nama hannaan shakkamee tokko keessaa meeshaan yaalaa Maayikirooskooppii argamuu ibsame

Mana nama hannaan shakkamee tokko keessaa meeshaan yaalaa Maayikirooskooppii argamuu ibsame

0

Mana nama hannaan shakkamee tokko keessaa meeshaan yaalaa Maayikirooskooppii argamuu,Poolisiin Finfinnee hime

‘OBN Cyber Media’ Mudde 18,2017-Mana nama saamichaan shakkamee keessaa meeshaan yaalaa Maayikirooskooppiiwwan 5 argamuu, Poolisiin Finfinnee beeksise.

Shakkamaan kun Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Laaftoo Aanaa 13 Naannoo Jamoo 1 jedhamutti ganama toora sa’aatii 12:30’tti dubartii gara hojii deemaa turte mormashee haqaaquun qabeenya Birrii kuma 11’tti tilmaamamu fudhatee miliquutu himame.

Miidhamtuunis rakkoo isheerra ga’e Poolistti himachuun, Poolisiin Finfinnees eeruu ummataatiin shakkamtoota lama to’achuu hime.

Sakatta’insa adeemsa seeraa hordofuun raawwatameenis mana shakkamaa tokkoo keessaa meeshaan yaalaa ammayyaa Maayikirooskooppiiwwan 5 maddisaanii hin beekamneefi seeraan ala kuufaman argamuu mirkaneeffachuusaa ragaan Poolisii Finfinneerraa arganne ni mul’isa.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version