Home Articles Magaalaa Shaggar eessaa garamitti

Magaalaa Shaggar eessaa garamitti

0

Hawaasni Magaalaa Finfinnee marsee jiraataa ture silaa qaroominniifi misoomni ollaasaanii jiru isaan gahuu qaba ture garuu akkuma ‘Adaamii ollaa Hagamsaa gal gallis ganamnis boo’icha’ jedhamu ta’e malee.

Finfinneen hundeeffamasheerraa eegalteeyyuu  qonnaan bulaa achi jiraataa turaniifi warra qe’ee dhiibuun bu’uurashee tolfataa akka turte komatama.

Hawaasni dhiibbaa irra gahaa ture dandamatee Finfinnee marsee jiraataa tures misoomaawwan bu’uuraarraa barnoota, fayyaa, bishaaniifi… qoqqobamuun komataa turuu kuusaan OBN ragaadha.

Jijjiirama barii seenaan hawaasa Finfinnee marsee jiruu bu’uurarraa akka fooyya’uuf hojiin eegalame bu’aansaa qabatamaan lafarratti mul’ataa jira. 

Magaalli Shaggar hundaa’uun immoo gaaffii misooma bu’uuraa guutaa iddoo aara galfiifi bashannanaallee daa’immaniifi hawaasa bal’aa Magaalaa Shaggariif hojjetamaa jira.

Magaalaan Shaggar hojiiwwan gama hundaan hojjechaa jiruun kaayyoo hundaa’eef milkeessaa jira  jedhu Kantiibaa Itti Aanaafi Qindeessaan Kilaastara Bulchiinsaafi Tajaajilaa Magaalaa Shaggar Obbo Gugsaa Dajanee

Magaalaan Shagggar hundeeffamuun dura  hawaasni  Magaalotaafi Aanaalee  Finfinneetti marsanii jiran keessa jiraatan rakkoo misoomaawwan bu’uuraa hedduuf saaxilamuun cinatti daangaan sirnaan adda bahe waan hin jirreef buqqaatii seeraan alaaf saaxilamaa ture.

Bari magaalli Shaggar hundaa’etti misoomaawwan bu’uuraa dursa argachuu qaban irratti xiyyeeffachuun hojiin eegalame  gaaffii misoomaa hawaasaa irraa jalaan deebisaa jira jedhan Obbo Gugsaan.

Hojiin hawaasa magaalaa Shaggar misoomaan walitti hidhuus ciminaan hojjetamaa jira.

Jiraattota magaalotaafi Aanaalee Bulchiinsa magaalotaas misoomaafi gabaan walitti hidhuun dinagdeesaanii cimsachaa jiruu ammayyaa akka jiraatan gochuuf xiyyeeffannoon hojjeta akka jiru himan.

Hojileen misoomaa  raawwatamaa jiran tokko tokkos magaalaasaaniifi simboo miidhaginaa ta’uu bira darbuun madda galiifi carraa hojii ta’aa jiraachuu obbo Gugsaan eeran.

 Misoomni raawwatamu karaa miidhaginaafi dhaloota egereef ta’uun  akka ta’es himame.

Ijaarsi pirojektootaa iddoo Bashannanaafi miidhaginaa  Magaalaa dizaayinii Ammayyaafi karaa lammilee hedduuf carraa hojii uumuun raawwatamaa jira jedhu Daarektarri Qophii Diizaayiniifi Hordoffii Ijaaarsaa Magaalaa Shaggar Obbo Birhaanuu Kursee.

Nimoonaa Maamudeen

#ShaggarCity #Oromia #Ethiopia

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version