Home Articles Gannaafi Oromoo

Gannaafi Oromoo

0

Waqtii Ganni Gurraachi  ykn duumessi waaqaa lafa uwwisee  hurriin gaarren  ukkaamsee mul’atu, hursi lageeniifi lolaa waci raachaafi fattee gurra nama hatu Oromoo Saglan  Iluu Biratti maal jedhama?

Ganni Yeroo Roobaa, Roobni quufa fidee dhufu  yeroo jabaatuufi hurriin lafaa samii haguugee mul’atu Oromoon Saglan Iluu    ‘Ganna Ciiboo’ jedhee waama jedhan, Miseensi Gadaa Salgan Iluu Tasammaa Mulunaa.

Waqtii Gannaa malkaatu guutee ce’uu dhowwuun aanteefi fira addaan kuta.

Lolaafi bubbeenis hammaatee guyyaa dukkaneessa.

Laftis bokkaa samii itti roobuufi loowwan lafarra yaa’aniin dhoqqaa’ee bukaa’a; daaqiinsaas deemsa nama dhowwa   

Kanaaf Waqitiilee jiran hunda caalaa ulfaataafi ofkooltii barbaada.

Ganni yeroo facaasanii firii akka godhatuuf abdataniifi yeroo waan duraan oomishan fixachuun waan fuudhan dhabamee jireenyis ulfaatudha.

Kanaaf Oromoon Ganni rakkoos ta’e qannoo qaba jedha jedhan.

‎Ta’us yeroo rakkinaa garaa walitti hin jabaatan; kan qaban walii qoodanii qusannoonis fayyadamuun keessa hulluuqu jedhan, miseensi Gadaa Salgan Iluu Tasammaa Mulunaa.

‌‎Ganna yeroo bubbeen cimee roobni hammaachuun lolaan uumu balaa akka hin qaqqabsiifne nama, horiifi qabeenya garaagaraaf ofeeggannoo gochuutu barbaachisa jedhan. Bafiqaaduu Mokonniin

#rain #summer #wind #Oromo

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version