Misoomni ashaaraa magariisaa lafa hone magarsuun maaddii naaf guutee, dinagdeekoos gabbisaa jira jedha Qonnaan Bulaa Imaam Alamuu.
Qonnaan Bulaa Imaam Alamuu, Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachoo Ganda Bakkeetti misooma ashaaraa magariisaa hojjechuun milkaa’aa jiru.
Lafti qonnaa qaban lolaadhaan garmalee dhiqamuun, oomisha kennuu dhaabe. Isaanis lafa isaanii yaaluuf fala barbadaa turan.
Yaadamni Ministira Muummee Abiyyi Ahmad(PhD) misooma ashaaraa magariisaa labsanimmoo lafa obbo Imaam dhiqameef abdii ta’e.
Obbo Imaamia lafa marga biqilchuu diderratti daagaa hojjetanii Bonaafi Ganna itti dhama’uun biqiltuu avookadoo,muuzii,ogiyoofi nyaata beelladaa adeemsaan magarsan.
Haalima kanaan lafti obbo Imaam bayyannatee biqiltuun adda addaa sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbates daraaree foolii toluun kanniisas hawwate.Obbo Imaamis itti fufuun misooma dammaas dabalataan eegalan.
Hojiin misooma sululaafi ashaaraa magariisaa qe’ee obbo Imaamitti wal-hunatee hojjetames firii muduraalee finiinsuun dammis miseera.Obbo Imaam yeroo ammaa waggaatti galii hanga birrii kuma dhibba 1 argachuun diinagdeen isaanii dabalaa akka jiru ‘OBN Cyber Media’tti himan. Befiqaaduu Mokonnin
