Waliigalteen Liivarpuul waliin qabu ganna dhufu kan goolabamu Mohaammad Saalaan waggoota lamaan dhufaniif Anfiildi tuuuf mallattoo qofatu hafe jedhame.
Mohaammad Saalaan bara kana dorgommi hundaan goolii 32 galchuun 22 hiriyootasaaf mijeessee kennuun, Liivarpuul garaagarummaa qabxii 11 PL Igilaandi akka dursuuf gahee olaanaa qaba.
Bara 2017 Roomarraa Liivarpuuliif erga mallatteessee waancaa CHL fi PLE tokko tokko dabalatee waancaa 8 kilaba Marsiisaayid waliin argateera.
Dhuunfaa isaan immoo yero 3 goolii heddu galchuun taphataa Piriimiyeer liigii Inglaandiin goolii heddu galche jedhamuun kophee warqii badhaafameera.
Yeroo lama taphataa cimaa Afrikaa jedhamuunis badhaafameera.
Umurii 32 irratti kan argamu Saalaan Liivarpuulifi deeggartoota kilabichaa waan jaalatuuf waligaltee waggaa lamaa dhiheenyatti ni mallateessa jedhamee eegama.
Dursaan taphattoota Liivarpuul Varjil Vaan Daayikis waliigaltee waggaa lamaa dheeressuuf dhihaachuu ESPN gabaaseera.
