Dirree ofiirratti BVB waliin kan taphate Baarseloonaan goolii 4 fi 0’n injifatee gaggeesse.
Taphataa cimaa taphichaa jedhamuun kan filatame lammiin Poolaandi umurii 36 Rooberyi Leevandoviskiin goolii lama yoo galchu, Raafinyaafi Laamiin Yaamaal goolii tokko tokko galchaniiru.
Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaan BVB, Baayer Muunik fi Baarseloonaaf waggaatti goolii 10 ol galchuun taphataa jalqabaa kan ta’e Leevandoviskiin dorgommii hundaan goolii 100ffaa Baarseloonaaf galche.
Tapha kaleessaa kanaan kubbaa lama mijeessee kan kenne lammiin Biraazil Raafiinyaan, CHl’n goolii 12 yoo galchu, bara dorgommii tokkootti goolii 19 keessatti hirmaachuun seenaa Liyooneel Meesiin bara dorgommii 2011/12 hojjeteen qixxaa’ate.
Bara 2025 taphoota 23 keessaa 19 injifatee 4’n qixa kan bahe Baarseloonaan bara kana taphoota 48 Haansii Filiikiin leenji’een goolii 145 galche.
Taphattoonni sarara fuulduraa Baarseloonaa Rooberti Leevandoviskii goolii 40, Raafinyaa 28, Laamiin Yaaal 15, walumatti goolii 82 galchan.
Tapha biraan gara Paaris imaluun Paark des Piriinsitti PSG waliin kan taphate Astoon Viilaan goolii 3 fi 1’n moo’ame.
Astoon Viilaan goolii Moorgan Roojarsi galcheen dursa qabagee ture.
Garee Luwis Henerikaa bara kana dargaggootaan ijaaramee gahumsa dinqii agarsiisaa jiruuf Disaayer Du’ii, Keevichaa Kivaareskeeliyaafi Nuunoo Meendeez goolii sadan galchaniiru.
Moorgan Roojarsi Viilaa Paarkitti qabxii kana jijjiiruuf ni yaallaa yoo jedhu, taphataa cimaa taphichaa jedhamuun kan filatame lammiin Jorjiyaa Keevichaa Kivaareskeeliyaan taphichi ammas hin xumuramne jedhe.
