‘OBN Cyber Media’ Ebla 01,2017-Chaampiyoonsi Liigii Afrikaan Al Ahaalii, Maameloodi Sandaawonsiifi Piraayimiid walakkaa xumuraaf yoo gahan har’a kilabni tokko isaanitti makamu ni beekama.
Tapha deebii nuusa xumuraan kaleessa taphatameen kilaboonni sadi walakkaa xumuraaf gahan beekamaniiru.
Sababa Suudaan waraana waliin waliinii keessatti argamtuuf Mooritaaniyaatti kilaba Suudaan Al Hiilaal waliin kan taphate shaampiyooniin Afrikaa yeroo 12 Al Ahaaliin goolii 1 fi 0’n injifate.
Tapha jalqabaanis goolii 1 fi 0’n kan mo’e Al Ahaaliin, qabxii waliigalaa 2 fi 0’n injifachuun walakkaa xumuraaf gahe.
Gara Tuunis imaluun Espiriiriyaansi Di Tuunis waliin kan taphate shaampiyooniin bara 2016 Maameeloodi Sandaawonsi goolii malee qixa bahee galee.
Maameeloodi Sandaawonsi dirree ofiirratti goolii 1 fi 0’n injifachuusaan walakkaa xumuraaf gahe.
Kilabni Morookoo AS Faar goolii 2 fi 0’n kan Ijipti Piraayimiidis injifatu, qabxii waliigalaan garuu Piraaymiidis goolii 3 fi 2’n injifachuun darbe.
Tapha jalqabaa goolii 1 fi 0’n kan injifate kilabiin Afrikaa Kibbaa Orlaandoo Paayireetis dirree ofiirratti kilaba Aljeeriyaa MC Aljeeris simata.
Walakkaa xumuraan Maameloodi Sandaawonsi Al Ahaalii waliin yoo taphatu, Piraayimiidis immoo Orlaandoo Paayireetisiifi MC Aljeeris keessaa kan moo’ate waliin taphata.
