‘OBN Cyber Media’ Mudde 27,2017-Kirkirri lafaa sochii humnoonni keessa lafaa taasisaniin kan uumamu yoo ta’u, Addunyaa kana irratti yeroo gara garaa mul’ateera. Biyya keenya keessattis hammaan xiqqaa ta’us yeroo kan mul’achaa ture yoo ta’u; bara kana garuu sochiin lafaa kan duraa irraa adda ta’e hanga Riitcher Iskeelii 5.8 lakkoofsise uumamuu danda’eera.
Dhimma kana ilaalchisuun of eeggannoo hawaasni gochuu qabu irratti gorsa Hayyootni kennan hojiirra oolchuun miidhaa ga’uu malu ittisuun itti gaafatamummaa keenya bahachuu qabna.
Wayita kirkirri lafaa uumamu sodaa keessaa bahuufi tasgabbaa’uun tarkaanfiiwwaniifi of eeggannoo fudhatamuu qaban hordofuun hojiirra oolchuu akkasumas odeeffannoo madda sirrii hin taaneerraa argaman fudhachuu dhiisuufi babal’isuurraa of qusachuun waantota barbaachisanidha.
Rakkoon nageenyaa Maatiifi nama dhuunfaa kamiiyyuu akka hin mudanneef qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa yoo ta’u, dabalataanis iddoowwan sodaa balaatiin daangeeffaman keessa socho’uu dhiisuufi ergaawwan of eeggannoo armaan gadiis hojiirra oolfamuun baay’ee barbaachisaadha.
#Kirkirri lafaa osoo hin mudatin dura wantoota nuti taasisuu qabnu;
Mana ykn gamoo keessaa akkamitti bahuun akka danda’amuufi iddoo kamiitti walitti qabamuuf turuu akka qabnu beekuu,
Yeroo balaan uumamu meeshaalee bakka ol ka’aa irra kufan irraa of baraaruuf minjaala, deeskii, utubaawwan jiran adda baafachuun murteessaadha.
Sararootni bobo’aa, bishaaniifi ibsaa akkamiitti akka cufamuu qaban dursanii shaakaluu akkasumas yeroo kirkirri lafaa uumamu meeshaalee gurguddoo kufaniifi miidhaa qaqqabsiisuu malan adda baasuun dursanii dhabamsiisuun daraan barbaachisaadha.
Keemikaalootaafi dhangala’oo boba’an ykn balaa qaqqabsiisan minjaaloota ol ka’iinsa hin qabne keessatti kaa’uu ykn dhabamsiisuufi meeshaalee yeroo muddamaatti barbaachisan (qoricha, baatirii harkaa, raadiyoofi uuffata) adda baasuufi qopheessuunis gaarii ta’a.
Yeroo balaan uumamu maatiin bittinnaa’uu malu iddoo kamiitti akka wal argu dursanii murteessuu , lakkoofsota bilbilaa adda baasuufi Mana yookaan gamoo salphaatti diigamuu danda’u irraa ofiis ta’e maatii fageessuufi gorsa ogeessaatiin iddoo tursiisa yeroo turuun murteessadha.
Gama biraan wayita kirkirri lafaa uumamutti gamoo yookan mana keessa yoo ta’e;
Iddoo jiranitti tasgabbaa’anii taa’uufi wantoota qabatamuu qaban qabachuu akkasumas mataa ofii balaa irraa eeggachuufi Kutaa mana tokkorraa gara kutaa biraatti socho’uufi fiiguuf yaaluu dhiisuun murteessaadha.
Meeshaalee kufan irraa of eeggachuuf wantoota salphaatti hin cabne kanneen akka Minjaalaa, deeskii, utubaawwan manaafi siree jalatti gadi jedhuun of baraaruu akkasumas fooddaadhaan yookaan liiftiidhaan of miliqsuu yaaluu dhiisuun baay’ee barbaachisaadha.
Fuula gara balbalaatti naanneessuun fooddaawwaniifi meeshaalee gurguddaa irraa of eeggachuufi Kirkirri lafaa hanga dhaabbatutti iddoo jiranitti tasgabbaa’anii taa’uufi socho’uu dhiisuunis fala waaraa ta’uu mala.
Manaa alaa jirra yoo ta’e ammoo;
Iddoo tokkorraa gara iddoo biraatti fiiguufi socho’uu yaaluu dhiisuufi hanga kirkirri lafaa dhaabbatutti socho’uu dhiisuu akkasumas mana, gamoo, sararoota humna ibsaafi utubaawwan irraa fagaachuun iddoo banaa ykn dirreerratti gadi jechuun madaala ofii eeggachuun taa’uu ykn dhaabbachuun filatamaadha.
#Konkolaachisaan yeroo konkolaachisaa jirutti hammi kirkirri lafaa olaanaa yoo ta’e;
Yeroo konkolaachisnutti iddoo banaa filachuun dafanii dhaabbachuu, mootora dhaamsuufi seerota of eeggannoo yeroo balaa hojiirra oolchuun konkolaataa keessa taa’uufi Konkolaataa daandii daddabarsa ykn dildila irraafi sarara humna ibsaa jala dhaabuu dhiisuun gaariidha.
Kana malees konkolaataa keessaa bahuun dirqama ta’ee yoo argame iddoo diriiraa irra turuun barbaachisaadha.
#Kirkirri lafaa erga uumamee booda waanti nuti gochuu qabnu;
Kirkira lafaa uumame hordofuun wantoonni balaan ibiddaa, sigiga lafaa, balaa bishaaniifi balaawwan biroo qaqqabsiisuu danda’an yoo jiraatan balaa dabalataa akka hin qaqqabsiifne of eeggannoo gochuunis daraan murteessaadha.
Gama biraatiin namoonni miidhaman/madaa’an jiraachuu isaanii mirkaneeffachuun yaalii dursaa kennuun yaalii ga’aa akka argatan gochuufi bu’uurri gamoo, sararoota aarri ittiin bahuufi kan biroo babbaqaquufi miidhamuu isaanii mirkaneessuufi miidhaa akka hin qaqqabsiifne of eeggannoo gochuun nurraa eegama.
Kirkirri lafaa uumame kan itti fufu ta’uun yoo mirkanaa’e iddoo tursiisa yeroo qophaa’e turuu, naannichi sodaachisaa ta’uun isaa mirkanoofnaan iddoo tursiisa yeroo biroo qopheessuun irraa fagaachuufi yeroo muddamaaf meeshaalee bu’uraa barbaachisan nyaata, bishaan, uuffataafi qorichi jiraachuu isaanii mirkaneessuunis barbaachisaadha.
Kirkira lafaa uumame hordofuun irra deebiin kirkira lafaa uumamuu danda’uuf qophii gahaa taasisuun dirqama akka ta’e ogeessonniifi qorattoonni dhimmicha ilaachisuun ergaa ni dabarsu.
Kanaaf uummanni keenya gorsaafi dhaamsa kana hojiirra oolchuufi waliif dabarsuun balaa dhaqqabuu malu haa ittifnu!
Mudde 2017
Finfinnee
Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa
