‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 16, 2017-Shaampiyoonaa Atleetiksii Mana keessaa Addunyaa marsaa 20ffaa Chaayinaa Naanjiigitti dorgomamaa tureen Jilli Atleetiksii Itiyoophiyaa ‘USA’ fi Noorweeyitti aanuun meedaaliyaa warqii 2 fi meetii sadi argachuun addunyaarraa sadarkaa 3ffaan, Afrikaarraa sadarkaa 1ffaan xumuruun ni yaadatama.
Jilichi ganama har’aa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee yoo gahu, simannaan gootaa taasifameefi.Fiigicha meetira 3000’n atleet Fireewayni Hayiluu, Meetira 800’n Gudaaf Tsaggaay 1ffaa bahuun atleetota meedaaliyaa warqii lameen Itiyoophiyaaf argamsiisani.
Meetira 3000’n atleet Barrihuu Aragaawii, Meetira 1500’n atleet Dirribee Waltajjii, Meetira 800’n Nigisti Geetaachoo atleetota meedaaliyaa meetii argamsiisaniiru.Federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaarraa odeeffanne.
