Miseensota waraana bilisummaa oromoo walii galtee araaraan galaniif sirni beekamtiifi galateeffannaa qophaa’era.
Sagantaan kunis iddoo isaan leenjii haaromsaa itti fudhataa turan giddu gala leenjii Loltummaa Awwaash Bishoollaatti qophaa’e.
Saganticha irratti Abbootiin Gadaa Oromoofi qondaaltonni biroon argamaniiru.
Sirnicharratti hooggansi Waraana Bilisummaa Oromoo walii galtee araaraan miseensotasaanii waliin galan Obbo Sanyii Nagaasaa; Oromiyaa keessatti kana booda sagalee qawwee dhageessisuun dhaabbachuu qaba jedhan.
Abbootiin Gadaas hidhattoota kanneen qe’ee Oromootti nagaan akka bu’uuf waamicha araaraa ulfinaan fudhachuun galuusaaniif galateeffataniiruun.
Qondaalli waraanichaa Obbo Sanyii Nagaasaa, Oromiyaa keessatti kana booda waraanni kan hin barbaachisne ta’uu himuun waloon nageenya naannoofi biyyaa ni mirkaneessina jedhan.
Waldhabdeen yoo jiraate mariifi marabbaan furra malee waraanni miidhaan isaa maal akka ta’e argineerras jedhan, Obbo Sanyiin.
Abbootiin gadaa saganticha irratti argamanis miseensota waamicha nageenyaa fudhatan galateeffachuun qaamoleen hafanis karaa nagaa filachuun qe’ee Oromoo nagaa taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
#AbbootiiGadaa #hidhattoota #Nagaa #Oromia #Ethiopia
