Barreeffamoota wantoota guyyaa guyyaan itti fayyadamnu irratti barreeffaman meeqan keenyatu qalbeeffatee dubbisee beeka?
Nootiiwwan maallaqa Biyyaaleessaa irratti barreeffamni ‘kan fideef akka kaffalamu, seerri ni dirqiisisa’ kan jedhu hoo ergaasaa akkamitti hubanne laataa?
Namoota Magaalaa Bishooftuutti argine dubbisnees, nootiiwwan maallaqa biyyaaleessaa irratti barreeffama ’’ Kan fideef akka kaffalamu, seerri ni dirqiisisa’ ykn Afaan Amaaraan’ ላምጭው እንዲከፈል ህግ ያስገድዳል‘’ jechuun barreeffame kana dubbisnemiti argineetu hin beeknu jedhan.
Namoonni biroo ammoo kana dura dubbisne beekna; garuu ammoo hiika isaa irratti xiyyeeffannaa kennine hin beeknus jedhan.
Yuunivarsiitii Jimmaatti Barsiisaa Muummee Faayinaansiifi Kaadhimamaan PhD Piroofeesara Gargaaraa Gaanfuree Taarraqany, barreeffamichi seera qabeessummaa ykn fudhatamummaa qabaachuusaa mul’isa jedhan.
Kanaaf, namoonni waa walitti daldalatan maallaqa kana walharkaa fuuchuuf seerri akka isaan dirqamsiisuus himan.
Gama biraatiin, abbaan qabeenyummaa noottii maallaqa kanaa yeroo yerootti jijjiiramuu akka danda’us agarsiisa jedhaniiru. Nimoonaa Maammudeetu gabaase.
