Ka’umsa; ga’umsaafi maalummaa kabaja guyyaa dubartootaa [March 8] Dhaabbaanni Biyyoota Gamtoomanii ALA’tti Bitootessi 8 guyyaa dubartootaa Idil-addunyaa ta’ee akka kabajamuuf kan murteesse yoo ta’u, guyyaa kana mirgi dubartootaa ni leellifama akkasumas qoolliffannaa koorniyaan wal-qabatu hambisuuf hojii guddaan hojjetamuu akka qabu guyyaa itti lallabamudha.
Guyyaan dubartootaa addunyaa A.LA. bara 1900 irraa jalqabee akka kabajamuuf sochiin turuutu himama.
Dubartoonni mirgi isaanii sarbamuufi wal-qixxummaa dhabuu isaaniitiin jijjiirama barbaacha sagalee isaanii dhageessisuuf dirqaman.
A.L.A bara 1908 dubartoonni kuma 15 caalan Magaalaa Niiwyoorki keessatti hiriira ba’uun yeroo hojii gabaabaa, miindaa fooyya’aafi mirga filachuu gaafatan. Waggaa tokko boodas Paartiin Sooshaalistii Ameerikaa guyyaa dubartootaa idil-addunyaa jechuun labse.
Guyyaan dubartootaa akka addunyaatti beekamtii argatee akka kabajamuufimmoo Lammiin biyya Jarmanii Kilaaraa Zeetkiin adda durummaan leellifamti.
Kilaaraa Zeetkiin yaa’ii dhimma dubartootaa idil-addunyaa bara 1910 Deenmarki Magaalaa Kooppenhaaganitti qophaa’erratti yaada kana dhiyeessuun, dubartoonni 100 biyyoota 17 irraa yaa’icha hirmaatan yaada dhiyaaterratti walii galan.
Yaa’iin kun waggaa itti aanu jechuunis bara 1911 jalqabee guyyaan dubartootaa sadarkaa Idil-Addunyaatti kabajamuu akka qabu yaada Zeetkiin dhiyeessite sagalee guutuun mirkaneesse.
Yaa’icharrattis waggaasaatti kabajamuu akka qabuuf waliif galame malee guyyaa kamirra kabajamuu akka qabu garuu wanti murtaa’e hin turre.
Boodarra mootiin Raashiyaa dubartoonni akka filatan nan taasisa jechuun bara 1848 waadaa inni seene yaadachuuf Bitootessi 19 filatamee turus, mootichi waadaasaa hin eegne yaada jedhuun guyyaan murtaa’e haqame.
Guyyaan dubartoota idil-Addunyaa Bitootessa 8 seera qabeessa ta’ee akka kabajamuuf kan murtaa’es A.L.A bara 1917 Raashiyaatti dubartoonni guyyoota afuriif mormii erga gaggeessaniiniin booda murtaa’e.
Dubartoonni kunneen gaaffii ‘hojiinsaanii akka fooyya’u, nyaata ga’aa akka argataniifi nageenyummaansaanii akka mirkanaa’u’ finiinsaniin, Mootiin Raashiyaa yeroo sanaa ‘Tsar Nikoolaas’ aangoo akka gadi lakkisaniif dirqamsiise.
Kana bu’uureffachuun mootummaan ce’umsaa hundaa’es mirga filachuu dubartootaaf mirkaneesse.
Raashiyaatti yeroo sanatti guyyaan dubartoonni mormii itti jalqaban akka lakkoofsa biyyattiitti Guraandhala 23 ture. Guyyaan kun ALA ammoo Bitootessa 6 irra oola.
Guyyaan dubartoota idil-Addunyaa Bitootessi 8 kabajamuus kanumarraa kan fudhatame ta’uudha ragaaleen kan mirkaneessan.
Guyyaan dubartoota addunyaa inni jalqabaas bara 1911 Ostiriyaa, Deenmaarki, Jaramaniifi Siwiizerlaanditti kabajame.
Guyyaan Dubartootaa Addunyaa kun yeroo ammaa biyyoota 27 kanneen akka Yugaandaa, Eertiraa, Burkiinaa Faasoo, Angoolaa, Raashiyaa, Afgaanistaaniifi Jarmanii keessatti hojiin idilee cufamuun yaadatama.
Biyyoota kanneen akka Chaayinaafi Madaagaaskaar keessattimmoo dubartoonni qofti guyyaa hojii idilee dhaabuun kabaju.
Biyyoota Itiyoophiyaa dabalatee kanneen biroo hedduu keessattimmoo hojiin idilee dhaabbachuu baatus guyyaa dubartootaa Addunyaa jedhamuun sirnoota garaa garaan yaadatamee oola.
Guyyaa Dubbartootaa Addunyaarratti dhiironnis dubartoota bultii waliin dhaabbataniif, hiriyaaf, obboleettiifis ta’e haadha isaaniif kennaa addaa kennuun biyyoota hedduu keessatti yaadatu.
Ameerikaa keessatti baatiin Bitootessaa guutuun baatii seenaa dubartootaa leellisu jedhamuun yaadatama.Maddi BBCfi barreeffamoota gara garaati.
